Ergamaan addaa gaanfa Afrikaa Yunaayitid Isteetis Maayik Hammar Amajjii 17-24 gara Kampaalaa fi Finfinneetti ni imalu. Kaampaalaatti, Ambaasaaddar Hammer Yaa’ii Addaa 42ffaa IGAD kan haala Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti deemaa jiruu fi Sudaan irratti fuuleffate irratti ni hirmaatu.
Yunaayitid Isteetis jalqabbii dippilomaasii IGAD kana kan simattu yoo ta’u, daangaa Somaaliyaa fi abbaa biyyummaa ishee kan bara 1960 keessa sararameef beekamtii kennuu ishee irra deebitee ibsiteetti. Sudaan ilaalchisee, Ambaasaaddar Hammer tattaaffii naannoo fi sadarkaa addunyaa itti fufee jiru deeggaruu dhaan wal-dhabdee kana dhaabuuf, gargaarsa namoomaa danqaa malee akka argattu dhiibbaa gochuu, ce’umsa dimokiraasii guddisuu, akkasumas haqaa fi itti gaafatamummaan kanneen hookkara keessatti miidhamaniif akka ta’u deeggaruu kan itti fufan ta’uun ibsameera.
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddar Hammer qondaaltota Gamtaa Afrikaa waliin wal arguun tattaaffii dhimma Sudaan fi hojiiwwan naannichaa biroof dursi akka kennamu qindeesuuf jiru. Akkasumas, angawoota Itiyoophiyaa waliin walii galtee lola dhaabuu Kaaba Itiyoophiyaa hojiitti hiikuu itti fufuu akkasumas hidhannoo keekkachuun sadarkaa inni irra jiru mari’achuuf jiru.
Ambaasaaddar Hammer rakkoo siyaasaa fi nageenyaa naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessatti mudate furuuf marii akka barbaachisu ni gaafatu, qaamonni hundi lammiilee nagaaf eegumsa akka taasisan, dubbii tuqachuu irraa akka of qusatan, mirga namoomaa akka kabajan waamicha dhiyeessuuf jiru.
Forum