Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Maadheelee Finciltoota Hutii Yemen Keessaa Kaleessa Haleeluu Ishee Beeksiste


Yunaayitid Isteetis Maadheelee Finciltoota Hutii Yemen KeessaaKaleessa Haleeluu Ishee Beeksiste
Yunaayitid Isteetis Maadheelee Finciltoota Hutii Yemen KeessaaKaleessa Haleeluu Ishee Beeksiste

Humnoonni Ameerikaa Roobii galgala misaa’ela Huutii 14 Lixa Yaman irratti qilleensa irraan haleellaa raawwachuu isaanii waaltaan ajajaa Ameerikaa beeksiseera. Misaa’eloonni kun dhukaafamuuf kan qophaa’an yoo ta’u, “doonii daldalaa fi dooniiwwan humna galaanaa Yunaayitid Isteetis ka naannicha keessa jiraniif balaa hin hafne ta’uu isaanii” ibsi USCENTCOM ni mul’isa. “Gochi shororkeessota Huutii Iraaniin deeggaraman kun humnoota galaanaa sadarkaa addunyaa balaa dhaaf saaxiluu fi daandii doonii daldalaa Galaana Diimaa Kibbaa fi daandii bishaanii itti aanu jeequu itti fufeera,” jedhan ajajaan USCENTCOM Jeneraal Maayikeel Erik Kurilla.

"Lubbuu humnoota eeguu fi uummata keenyaaf eegumsa gochuuf tarkaanfii fudhachuu itti fufna” jedhan. Haleellaan Yunaayitid Isteet, haleellaalee galaana diimaatti darbatamanii fi doorsisa jiruuf deebii kennuuf jecha Briteen waliin ta’uu dhaan mannii warra Hutii kan Yemen keessaa irratti dabalatee tarkaanfii kallattii isa arfaffaa dha.

Haleellaan kun kan raawwatame erga dirooniin haleellaa karaa tokkoon kutaa Yaman Huutiin to’atame irraa furguggifame doonii qabeenyaan ishee kan Yunaayitid Isteetis taateef mallattoo alaabaa Marshall Island of irraa qabdu galoo galaana Aden keessatti haleelee sa’aatii muraasa booda. Doonitiin irra garuu miidhaan akka hin ga’in gabaasameera.

Warreen Hutii akka jedhanitti tarkaanfii kana kan fudhatan waraana Israa’el finciltoota Hamaas kanneen Gaazaa irratti geggeessituun Faalisxiinota cina dhaabbachuuf jecha. Hanga yoonaas haleellaalee 30 galaana diimaa irratti raawwachuu isaanii dubbatu.

Dubbi himaan Pentaagoon Major Jeneraal Paat Raayder Roobii ganma ibsa tuuta oduuf kennaniin, waraanni Yunaayitid Isteetis haleellaa finciltoota Hutii itti dabalaa ittisuuf tarkaanfii waraanaa fudhahuu itti fufa jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG