Fuula miidiyaa haawaa kan sobaa fayyadamuun uummata giddutti walittibu’iinsaa fi jeequumsii akka uumamuuf odeeffannoo facaasaa turan kan ittiin jedhe namoota 29 hidhuu isaa waajiirri nageenyaa kan Bulchiinsii naannoo Itiyoophiyaa gidduugaleessaa Beeksisee jira.
Maatiin hidhamtootaa fi jiraattonni naannoo akka jedhanti namoonni kun kan hidhaman barreeffama dhiyeessaniin aangawootaa fi akkaataa hojii sirrii hin taanee ilaalchisee qeeqa fuula maqaa isaaniin banatan irratti waan barreessaniif malee kan sobaa waan fayyadamaniif miti jedhu.
Kana malees dhaamsa walitti bu’iinsa kakaasan hin maxxansiine jechuun falmu.
Dhimma kana ilaalchisee sagaleen Amerikaa kan dubbise Yunivarsitii Haawaasaatti barsiisaa Gaazeexeessummaa fi komuunikeeshinii kan ta’an Iyaayeehu Alamaayeehu akka jedhanti, tarkaanfiin fudhatame mirga yaada ofii ibsachuu kan daangeessu ta’u ibsanii, bilisaan yaada ofii ibsachuu inni jedhu mirga namoomaa kan addunyaa keeyyata 19 akkasumas heera Itiyoophiyaa keeyyata 29 fi akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti bara 2012 kan ba’e, labsii waa’ee haasawaa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa facaasuu ittisuu fi to’achuuf ba’ees kan cabsee dha jechuun dubbachuu isaanii yonaataan Zabdiwoos Haawaasaa irra gabaasee jira.
Forum