Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsii Yeroo Kan Tigraay Danbiin Sadaasa Keessa Baase Kan Heera Mootummaa Cabse, Jechuun Gareen Mirga Namoomaa Biyya Keessaa Himate


Bulchiinsii Yeroo Kan Tigraay Danbiin Sadaasa Keessa Baase Kan Heera Mootummaa Cabse, Jechuun Gareen Mirga Namoomaa Biyya Keessaa Himate
Bulchiinsii Yeroo Kan Tigraay Danbiin Sadaasa Keessa Baase Kan Heera Mootummaa Cabse, Jechuun Gareen Mirga Namoomaa Biyya Keessaa Himate

Bulchiinsii yeroo kan Tigraay baatii sadaasa dabree Dambii haaraa baaseen, heera mootummaa cabsuu isaa kan jedhame gareen mirga namoomaaf falmuu kan Itiyoophiyaa ykn (Human Rights First) beeksisee jira

Daayreekteera garee kanaa Obbo Tasfaa Aleem Berhe sagalee Amerikaa waliin gaaffii fi deebii gaggeessaniin, bulchiinsii yeroo kan Tigraay Dambiin baasee lakkoobsii 4 , bara 2016, akka walii galtee Pritoriiyaatti seeraan ala jedhamuun kan diigamee mana maree bulchiinsa naannoon duraaniin, kan ba’anii turanii fi labsii heeraa wajjiin kan wal faalleessuu kan labsiin yeroo muddamsaa amma iyyuu hojii akka oolan taasisuun isaa, uummata naannoo Sanaa dhiittaa mirga namoomaaf saaxilee jedhan.

Dambiin inni haaraan, hojjattonni mootummaas ta’e kan dhunfaa kanneen Tigraay keessa jiran yeroo wal waraansaa sana, mindaan hin baafaminiif jiru kan waggaa lamaa akka hin gaafannee ittisa. Kana malees sana dursee labsii yeroo muddamsaa hojii irra oleen, kanneen hojii isaanii irraa ari’aman miseensoonni polisii kuma tokkoo ol, gara hojiitti akka hin deebinee taasisee jira. Yeroo labsii hatattamaa sana deemsa falmii mana murtii irra kanneen turan mirga ol-iyyannoo akka hin argannee ittisa jedhan Obbo Tasfaa Alem.

Kunis heera biyyattii keeyyata 9, 37 fi 80 irratti mirgoota ka’aman daangeessa waan ta’eef, gumiin dhimmoota heera mootummaa qulqulleessuu hiika gama heeraa jiru

ibsuun, Dambii haaraa ba’e akka haquu iyyata dhiyeeffannee jira jechuu dubbatan.

Dhimma kana ilaalchisee deebii waajiira haqaa Tigraay dhaqqabuuf yaaliin ta’e hin milkoofne jechuun, Gabra Mikaa’eel Gabra Madhin Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG