Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyoonni Miseensota IGAD Yugaandaa Keessatti Dhimma Waraansa Sudaan Keessaa fi Wal-dhibdee Itiyoophiyaa fi Somaaliyaarratti Mari’atan


SOMALIA-ETHIOPIA/IGAD
SOMALIA-ETHIOPIA/IGAD

Hoggantoonni gamtaa Abbaa Taayitaa Misooma Mootummoota Baha Afrikaa ykn (IGAD) Kamisa kaleessaa magaalaa Inteebee kan Yugaandaa keessatti wal arganii waldhabdee Somaaliyaa fi Ityoophiyaa gidduu, akkasumas waraana Sudaan keessatti deemaa jiru irratti mari’ataniiru.

Marii Mana Maree Naannoo Inteebeetti geggeeffame irratti, preezdaantiin Yugaandaa Yoweri Museveni, preezdaantiin Sudaan Kibbaa Salva Kiir Mayardit, hogganaan humna deeggarsa saffisaa kan Sudaan Mohaammad Hamdan Dagaloo preezdaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohamud, preezdaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo fi preezdaantiin Jibuutii Ismaa’il Omar Guelleh argamaniiru.

Itiyoophiyaan waa'ee yaa'ii kanaa odeeffannoo baayyee tureen argadhe jechuun jila ishee hin ergiine.

Mootummaan Sudaan Kibxata darbe Igaad waliin hidhata qabu kan rarraasee yoo ta’u, kunis Igaad garee hidhate kan humna saffisaa sudaan gara marii kanaatti afeeruun abbaa biyyummaa Sudaan sarbuu dha himate.

Hoggantoonni waraanaa gam-lameenii erga waraanni kun ka'ee hanga ammaatti qaamaan wal hin argine.

Preezdaantiin Jibuutii Ismaa’eel Omar Guelleh walgahii Igaad kan Kamisa kaleessaa gaggeeffamee irratti, walitti bu’iinsa Sudaan fi kanneen biroo kutaa sana keessaa furuuf hoggansa ija jabinaan gaggeessuu akka argamuuf gaafatan

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG