Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Awurooppaa, Gamtaan Afrikaa fi Yunaayitid Isteetis Nageenyi Gaanfa Afrikaa Haala Yaaddessaa Keessa Jira, Jedhan


European Union Flag
European Union Flag

Gamtaan Awurooppaa, Gamtaan Afrikaa fi Yunaaytid Isteetis wal waraansii Sudaan keessaa fi waldhabdeen Somaaliyaan Itiyoophiyaa waliin qabdu, tasgabbii Gaanfa Afrikaa balaadhaaf saaxilu jedhan

Kanaaf jecha, Sudaan keessatti gareewwan wal waraanaa jiran gidduutti hatattamaan dhukaasa dhaabiinsii argamee fi mariin ijaaraa ta’e akka gaggeeffamuuf gaafachaa jiru.

Kana malees, Waliigaltee Itiyoophiyaan Somaliland waliin mallattaa'e hordofee, muddamsii Somaaliyaa fi Itoophiyaa gidduu jiru akka dhaabbatus gaafachaa jiran.

Dhimmoonni lamaan kun tasgabbii naannoo Gaanfa Afrikaa balaadhaaf saaxilaa jiru jedhu gareeleen kunneen. Gaanfa Afrikaatti jila addaa kan Yunaaytid Isteetis kan ta’an Maayikeel Hammer, gareewwan Sudaan keessatti wal waraanaa jiran hatattamaan lola kana xumuruun dirqama seera gargaarsa namoomaa kan addunyaa akka bulan akkasumas fi mirga namoomaa kabajuu qabu jedhan.

Muddamsii yeroo dheeraaf ture lola daandii irraa magaalaa Kaartuum keessatti kan xiyyeeffate ta’us, naannoo Daarfuur dhihaa dabalatee naannoolee biroo keessattis uumame.

Lola sudaan kanaan namoota miliyoona 7 qe’ee isaanii irraa buqqisuu fi daa’imman miliyoona 19 mana barumsaa akka hin deemne taasiseera jechuun gareen kun hubachiisaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG