Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pireezidaantiin Masirii Abdel Fattaah Al Siisi Eenyullee Somaaliyaa Akka Doorsiisu Hin Eeyyamnu Jedchuun Dhaadatan


EGYPT-SOMALIA-DIPLOMACY
EGYPT-SOMALIA-DIPLOMACY

Walii galtee wal hubannaa Somaalii landii fi Itiyoophiyaa gidduutti gaafa Amajji 1, 2024 mallatteeffame hordofee, Masiriin Somaaliyaa gidduu galeessaa kan deeggartu ta’uu ibsitee kan turte, Dilbata darbe kana Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheeik Mohaammadii fi Pireezidaantiin Masirii Abdel Fattaah Alsiisii Ibsa sabaa himaleef waliin kennan irratti Pireezidaantiin Masirii Alsiisiin eenyullee Somaaliyaa akka dorsiisuuf Masiriin hin eeyyamtu jedhan. Walii galteen ulaa galaanaa argachuuf taasifame mirga abbaa biyyummaa Somaaliyaa kan cabsudha jechuun irra deebbiin Masiriin walii galticha mormuu ishee mirkaneessaniiru.

Alsiisin ergaa mootummaa Itiyoophiyaaf dabarsaniinis lafa tokko to’achuuf yaaluun waan namni tokkollee irratti waliif hin galledha. Tumsi misooma irratti taasifamu tarsiimoo fooyya’aa ture, qaamni kamiyyuu faallaa Masirii dhaabbachuu kan yaalu akkasumas Obboloota ishee doorsiisuu kan yaalu jiraannaan, Obboloonni keenya akka bira dhaabbannuuf nu gaafannaan isaan bira dhaabbanna jedhan.

Gama Itiyoophiyaatiin gorsaan nageenyaa Ministira Muummee Itiyoophiyaa Ambaasaddar Reediwaan Huseen fuulaa miidiyaa hawwaasaa “X” irratti dilbata kaleessaa barreeffama manxansaniin Walii galteen taasifame walii galtee daldalaa kan ulaa galaanaa argachuuf kaayyeffate malee lafa dhuunfachuuf yaaluu miti jechuun qeeqa gama Masiriin irratti dhiyyaate fudhatama dhabsiisaniir.

Finfinnee fi Kaayiroo gidduu sababa hidhaa bishaanii Itiyoophiyaan laga Abbayyaa irratti ijaaraa jirtuun jechoota walitti daddarbachuun isaanii waggoota kan lakkoofsisee jiru yoo ta’u, haala itti fayyadama bishaan ishee balaa keessa kan galchu jechuun kan ibsitu Masiriin, Ministirri haajaa alaa ishee torbaan darbe keessa Itiyoophiyaan naannicha keessatti “madda tasgabbii dhabinsaa ti” jechuun ibsaniiru.

Moqaadishoon Kamisa darbe ibsa baste keessatti walii galteen wal hubannaa sun gochaa weeraraatti jettee Itiyoophiyaan Walii galtee wal hubannaa mallatteessite diigdee abba biyyummaa Somaaliyaaf beekamtii yoo keennite malee waliin dubbiiff akka hin dhiyyaannes ibsiteetti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG