Walii galtee wal hubannaa Somaalii Laandi fi Itiyoophiyaa gidduutti mallatteefame hordofee Muddama Somaaliyaa fi Itiyoophiyaa gidduutti uumamee jiru karaa marii akka hiikkataniif hoogganaa ol anaan dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waamicha dhiyyeessan .
Amajjii 1, 2024 Itiyoophiyaan biyyi Hulaa galaanaa hin qabne walii galtee wal hubannaa biyya Addunyaarratti beekamtiin hin argatiin jirtu Somaalii landi waliin mallatteessite hordofee muddamni gaanfa Afiriikaa keessatti ka’ee jiru gama Moqaadishoo fi Finfinneen gara mariitti dhufuun wal dhabdee isaanii akka hiikkatan jechuun hoogganaa ol anaan dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Guutereezh dilbata kaleessaa waamicha dhiyyeessaniiru.
Magaalaa guddoo Ugaandaa Kampaalaatti yaa’ii garee biyyoota 77 fi Chaayinaa irratti ibsa kan kennan Guutereezh nuti yeroo hundumaa qajeeltoowwan kan hoogganamnu fi qajeeltoowwan sunis tukkummaa, Abbaa biyyummaa fi walabummaa biyyootaa kan Somaaliyaa dabalatee kabajuudha jedhanii haala amma uumamee jiruunis karaa waliin dubbii ni hiikkatu jennee abdannas jedhan.
Yaada Guutereezhiin kan wal fakkaatu biyyoonni kanneen akka Yuunaayitid Isteetsi, Chaayinaa, Gamtaa Awuroopaa, Gamtaa Afiriikaa fi Liigiin biyyoota Arabaa Abbaan biyyummaa Somaaliyaa akka kabajamuuf waamicha dhiyyeessuun isaanii ni yaadatama.
Somaalii landi bara 1991 tti Somaaliyaa Moqaadishoo irraa addaan cituun walabumnmaa koo labasadheera jettus Addunyaarratti beekamtii kan argatiin jirtu karaa walii galtee kana agama Itiyoophiyaan akka biyyaatti beekmatii barbaacha jedhamus dhimmi kanarratti hanga ammaatti gama Itiyoophiyaan ifatti waanti jedhameeru hin jiru.
Forum