Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministiri Haajaa alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken Tapha Waancaa Kubbaa Miillaa Ayivoorikoostitti Geggeeffamaa Jiru Daawwatan


Ivory Coast US Blinken
Ivory Coast US Blinken

Ministirri haajaa alaa Yuunaayitid Isteetsi Antonii Biliinkeen daawwannaa dippiloomaasiif gara biyyoota Afirikaa Afuriitti imalaniiran tapha waancaa kubbaa miillaa Afirikaa daawwataniiru. Daawwannaa isaanii kanaanis bakka kanatti argamuun koo hedduu ajaa Iba kan jedhan Antoonii Biliinkan tapha kana haala dinqisiisaa ta’een kan qopheessite Ayivookoost guddaan galateffadha. Namoonni hedduun as jiru lammiilee Ameerikaa dabalatee Ayivookoost irraa muuxannoo fudhatu haala itti namoota Ardii kanaa Ameerikaa dabalatee asiitti walitti qabaniin .Kuni dhugumaan wal dorgommiiwwan akkasii namoota walitti fiduun arguun. Dhugumaanuu kun humna Ispoortii garaagarummaa kamiyyuu kan cabsu, addaa addummaa Afaanii, teessumni lafaa , ilaalchi siyaasaa osoo adda hin baasiin addattimmoo kubbaa miillaa yommuu ta’u. Kubbaan miillaa Addunyaa irratti tokkummaa namootaa fiduuf isa humna qabeessadha, Yuunaayitid Isteetsiifis jedhan Antoonii Biliinkan.

Ayivooriikoosti hojii ajaa ibaa akkasii hojjechuun biyyoota kana bakka tokkootti walitti fiduu ishee fi hundi keenya asitti akka argamnu taasisuu isheef kabajaa guddaan qabaaf kan jedhan Antaanii Biliinkan, Kun karaa biraa ijaarsa riqichaa Yuunaayitid Isteetsii fi Afirikaa akkasumas Ayivoorookoosti walitti hidhu ijaaruudha.Nuti ijaarsoota bu’uuraalee misoomaa baay’ee ijaarreerra, inni kun garuu ijaarsa namoota walitti fidudha. Ispoortiin akkauma waan kamiyyuu sana hojjeta.

Galgala kana hirmaataa qaama kanaa ta’uu kootti gammachuu guddaan qaba, Pireezidaanti Utaaraa fiixaan bahinsa akkasiif irra deebi’uun baga gammadde jechuun barbaada. Akkasumas Uummata Ayiivooriikoostiin fiixaan bahumsa akkaiif baga gammaddan jechuun barbaada jedhan Antoonii Biliinkan Ministirri haajaa alaa Yuunaayitid Isteetsi.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG