Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu'iinsi Biyyattii Keessa Jiru Hojii Isaa Irratti Dhiibbaa Dabalataa Uumuu Dhaabbanni Itiyoo Telekoom Beeksise


Walitti Bu'iinsi Biyyattii Keessa Jiru Hojii Isaa Irratti Dhiibbaa Dabalataa Uumuu Dhaabbanni Itiyoo Telekoom Beeksise
Walitti Bu'iinsi Biyyattii Keessa Jiru Hojii Isaa Irratti Dhiibbaa Dabalataa Uumuu Dhaabbanni Itiyoo Telekoom Beeksise

Hoggantuun dhaabbataa Itiyoo Teele koom Firehiyoot Taammiruu gabaasa hojii raawwannaa dhaabatichaa kan walakeessa wagga ilaachisuudhaan Qibxata har’aa ibsa kennaniin, Walti bu’iinsaa biyyatti keesaa jiruun walqabatee taajaajilli gargar cituun , tasgabbiin gabaa dhabamuuni fi qabeenyaa Neetiwoorkii irratti midhaawwan qaqqabaniin, hojii dhabbatichaa irratti dhiibaan umamuu isaa ibsanii jiru.

Dhaabbatichii walakkeesa wagga keessatti tattaafii taasiseen maammilootaa haraa Miliyoonii 1.9 horachuu danda’a isaa kan ibsan hoggantuunm dhaabbatichaa naannoo Tigraay keessatti sababa walwaraansaatiin isaa gargar citee turee tajaajilaa dhaabatichaa deebisanii ijaaruudhaaf hojiin jalqabamee jiru itti fufuu isaa ibsanii jiru.

Dhaabatichii hojii walakeessa wagga keessatti raawwateen, lakkofsaa maammilootaa isaa gara miliyoonii 74.6 kan gudise ta’uu isaafi, kunis bara darbe wajjin yemmuu walbira qabamee ilaalamu dhibbeentaa 6.7 dabaluu isaa hoggantuun dhaabbatichaa ibsanii jiru.

Dhaabbtichi yeroo amma bu’aa Birri biiliyoonii 11 argachuu isaa kan ibsan Firehiyoot Taammiru bu’aan kunis isa barra darbee wajjin yemmuu illalamu dhibeentaa 14 caalmaa kan agarsiise ta’uu isaa beeksesaniiru.

Yeroo ammaa ItiyooteeleKoom dhaaabata Safaarii koom wajjin waldorgomii gabaa keessa kan jiru akka ta’ee, akkasumas, dhaabbileen biyyaa alaa akka Saafarii koom Itiyoophiyaa seenuuf turan sababa nageenyaatiif jijjirama imaamataatiin kan ka’ee boodaatti harkifachuu isaani maddi Oduu Rooyiters gabaasuu isaa Gebermikaa’el Gebremedihiin gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG