Dubbii himaan waraana Israa’el Riir Adimiraal Daani’el Hagarii oduu gabbastotatti akka himanitti loltoota guyyaa tokko keessatti du’an 24 keessaa 21 Gamoowwan kibbaa Gazaa keessatti argaman lama dhodhoowaadhaan diiguudhaaf yemuu yaalaa jiranitti, gareen Hamaas Taankii waraana Israa’el cina sana dhaabatee turee irraati Rookeetii dhukaase. Battalumaan dhodhowaan gamoolee sana keessa jiran dhoohanii waan gamoowwan sun loltootaa Israa’el irratti jiguu danda’ee jira. Loltoonni biro Sadii immoo haleella biraatii kan ajjeefaman akka ta’es ibsameera.
Guyyaan kaleessaa ergaa lolichii jalqabamee as guyyaa baayee hamaa kan ture ta’uu isaa kan ibsan Muummmichi ministeraa Israa’el Benjamin Natenayahuu, dhimmicha qorachuun akka jalqabamee ibsanii, amma injifannoo dhumaatti akka lola hin dhaabnee maqaa loltootaa isaanii du’aniin kakkachuun isaanii gabaasameera.
Karaa biraatin, Maddii Oduu Rooyiters haanga’otaa fayyaa Gaazaa keessa jiran waabeffachuudhaan akka gabaasetti, waraanni Israa’el Hospitaalaa kibbaa Gaazaa Khan Yunus keessa jiru Weeraruudhaan hojjatootaa fayyaa qabanii hidhanii jiru. Mootummaan Israa’el dhimma kana irratti battalatti akka deebii hin kenninee gabaasameera.
Masaraa Waayiti Haawusitti Dubbii himaan mana maree dhimma nageenyaa mootummaa Yunaayitid Isteets Joon Kerbii . “ Israa’el mirga lola of irraa qolachuu akkuma qabdu, seeraawan adduunyaatiif abboomamuudhaan namoottan nagaadhaaf, hospiitaalotaaf, hojjattootaa fayyaatiif, dhukubsattootaaf amma danda’ametii akka eegumisi taasifamuuf gaafannaa “ jedhaniiru.
Ministeeri fayyaa Gaazaa amma ammaati lammiileen Paalastaayin 25,295 ajjefamuu isaanii kan ibsaan yemuu ta’uu, lammileen Paalastaayin dhibeentaa 85 ta’an mana isaanii gaddi lakkisanii bahuuf akka dirqisifaman dhaabbanni mootumootaa gamtoomanii ibsuu isaa maddaawwan oduu adda addaa gabaasanii jiru.
Forum