Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Ardii Afriikaa Waliin Mochoomaan Hojjechuuf Kutannoo Qabaachuu Antonii Biliinken Dubbatan


Faayilii: Ministeerri Haajaa Alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken Ivorii Koostiin daawwatan
Faayilii: Ministeerri Haajaa Alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken Ivorii Koostiin daawwatan

Biyyootan Afrikaa Afur kan daawachaa jiran ministeerri dhimma alaa Yunaayiyid Isteets Antoonii Bilinken Prezidaantii Ayiveri koost Alaassaan Otaaraa wajjin Abijaan keessatti ergaa marii taasisanii boodaa ibsaa oduu gabaastotaaf keennaniin, mariin isaanii walti hidhannaa daladaalaa jabeesuudhaan akkaataa hojii dabalataa umuudhaaf danda’amuu irratti kan xiyyeefatee akka ta’ee himaniiru.

Yunaayitid Isteets, karaa hojii fayyaa hawaasaa irratti akka hirmaatu kan ibsan Biliinken, waa’ee gargaarsa nageenyaa naanichaa irrattis dubbachuun isaanii gabaasameera.

Akkauma Kanaan, Yunaayitid Isteets gargaarsaa doolaara miliyoonii 45 Ayiverikoostiif kenuudhaaf akka murtaa’e Bilinken kan beeksisan yemuu ta’u, gargaarsii kunis Yunaayitid Isteets, naannoo Afrikaa Lixaatti tasigabiidhaan walqabatee baraa 2022 kaasee gargaarsi taasiftee miiliyoonii 300 akka gahu kan taasisee akka ta’e bekameera.

Biliinkeen Qibxata har’aa garaa Naajeeriyaa deemuudhaa Prezidaanti biyyichaa Boolaa Tinaabuu fi ministeera dhimma alaa Yusuuf Maa’itaamaa Taager wajjin magala Abuujaa kessatti wal arganii jiru.

Naajeriyaa keessatti marii Biliinken taassan keesaa waa’een moottummaa loltootaa Niijer keessa jiruu isa tokko akka ta’e ibsameera. Bilinken waa’ee Niijer irratti kan dubbattan ergaa mootummaa Niijer Raashaadhaa wajjin waliti dhufeenyaa isaa guddisuudhaaf walii galtee taasisu isaa ibsee guyyaa tooko booda akka ta’e beekameera.

Loltoonni Niijer Adoolessaa 26 bara 2023 ergaa fonqolcha aangoo raawwatee mootummaa qabatee boodaa , waraannii biyyaa Firaans biyyichaa gadi lakkisee akka bahu taasisamuudhaan walqabatee dhimmi nageenyaa kutaa Saahiil yaadddesaa ta’uun isaa ijoo daawwanna Biliinnken keessaa issa tokko akka ta’e gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG