Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lakkoofsa Gaazixeessota Mana Hidhaa Jiraniitiin Eertraan Afriikaa Keessaa Tokkoffaa Ta'uun Gabaasame


Lakkoofsa Gaazixeessota Mana Hidhaa Jiraniitiin Eertraan Afriikaa Keessaa Tokkoffaa Ta'uun Gabaasame
Lakkoofsa Gaazixeessota Mana Hidhaa Jiraniitiin Eertraan Afriikaa Keessaa Tokkoffaa Ta'uun Gabaasame

Adduunyaa irratti bara 2023 miidhaa gaazexessootaa irra gahee ilaalichisuun gabaasa kan baasee dhaabbanni mirgaa Gaazexessootaaf falmu CPJn kutaa gabaasa isaa kan biyyoottan Afrikaa ilaalateen, yeroo ammaa Gaazexessoota 16 hiitee kan jirtu Eertiraan aduunyaa irraa Torbaffaa yemmuu taatu, Afrikaa irraa immoo sadarkaa tokkoffaa irraa akka jirtu beeksiseera.

Gaazexessota 8 hidhuudhaan Ityoophiyaan lammaffaa, gaazexessotaa 6 hidhuudhaan Kaameruun sadaffa akka ta’an kan ibsee gaabasni CPJ, biyyoottan Afrikaa gammoojjii Saaraa gadii jiran keessatti hidhamuun gaazexessotaa wagga waggaadhaan dabalaa deemaa jirachuu isaa eerera. Akkuma Kanaan, barra 2021 gaazexessonni hidhaman 30 kan turan yemuu ta’u, bara 2022 gaazexessotaa 31, bara 2023 immoo garra gaazexessota 47 ti ol ka’ee jira.

Ityoophiyaa keessatti erga waliigalteen nageenyaa waldhabdee naannoo Tigraay malateefamee as, walti bu’iinsi naannoo Amaaraa keessa babalachaa deemuu isaa kan ibsee CPJn, haaluma Kanaan walqabatee gaazexessooni hedduun hidhamuun isaanii, haalii midiyaa walabaa biyyatti keessatti mijataa akka hin taane kan agarsiisuudhaa jedhee jira.

Dhiibaan Gaazexeessota irra gahuu Repaabilikii Demokraatawa Koongo, Zaambiyaa, Angoolaa, Burundii, Najeeriyaa fi maadagaskaar keessatti hammachuu isaa kan ibse gabaasni CPJ kun Seenegaala gaazexessoota Shan hidhuudhaan sadarkaa Afuraaffa irra akka jirtu beeksiseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG