Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Guutummaa Afrikaa Keessatti Sadarkaa Oomishaa Guddisuuf Akka Hojjettu Ministarri Dhimma Alaa Antonii Bilinken Dubbatan


Yunaayitid Isteetis Guutummaa Afrikaa Keessatti Sadarkaa Oomishaa Guddisuuf Akka Hojjettu Ministarri Dhimma Alaa Antonii Bilinken Dubbatan
Yunaayitid Isteetis Guutummaa Afrikaa Keessatti Sadarkaa Oomishaa Guddisuuf Akka Hojjettu Ministarri Dhimma Alaa Antonii Bilinken Dubbatan

Ministirri haajaa alaa Antoonii Biliinkan daawwannaa hojiif gara biyyoota Afiriikaatti kan imalaniiran sagantaa wabi nyaataa fi guddina diinaagdee “AfricaRice” jedhamuun beekamu kan gidduu gala qorannoo qonnaa biyyoota Afiriikaa bahaa irratti argamuun dubbii dubbataniin bakka kanatti argamuu kiyyaatti gammachuu guddaan qaba. Michoota koo Baankii misooma Afirkaa fi kan gidduu gala qorannoo qonnaa “AfricaRice” waliin wal arguun koo hedduu hawwataadha. Isa yeroo hundaa Pireezidaanti Baayideen jedhan Afiriikaan wabii nyaataan of danad’uu , dhugaa dubbachuuf Afiriikaan Ardii Addunyaaf wabii midhaan nyaataa addunyaa taatudha. Kunis baay’ee kan danda’amu qofaa osoo hin taane ta’uu akka danda’ullee nan amanas jedhan.

Hojii addaa baankiin Misooma Afiriikaa oomisha itti fufinsa qabu irratti Invastimantii barbaachisaa ta’een karaa ogummaa bu’aa qabeessa ta’een hojjechuu keessatti fi gidduu galli qorannoo qonnaa biyyoota Afiriikaa bahaa sanyii guddisuu kanneen haala qilleensaa dandamatan irratti xiyyeeffachuu, Akkuma wabii midhaan nyaataa irratti xiyyeeffattan akkuma amma asitti dhageenye marsaa garaa garaa keessa darbu, gama oomishaatiin waan barbaachisaa ta’e hojjechuu qofaa osoo hin taane raabsuufillee bu’uuraaleen misoomaas ijaaramuu qabu jedhan. Inveestimantiiwwan nuti hojjennus warra akkasii kana jedhan.

Waanti ani isiniif dabaluu barbaadu kalaqni addaa kan danda’amu qofaa osoo hin taane jijjiirama guddaa fiduu danda’uu ta’a. waggoota lamaan darban raafama guddaa uumaameen rakkoon wabii midhaan nyaataa dhabuu Addunyaa mudateera, Jijiiramoonni qilleensaa, weerarri Vaayirasii Kooviid fi waraanoota Raashiyaa fi Yuukireen dabalatee Addunyaa gama midhaan nyaataan rakkoof saaxilaniiru. Rakkoowwan akkasii yommuu uumaman battalaan utaaltee uummata gargaaruutti seenta. Waanti qabatamaan Yuunaayitid Isteetsi qabatamaan doolaaroota biiliyoonaan baasuun hojjette isa kanadhas jedhan Biliinkeen.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG