Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obbo Geetaachoo Reddaa Kanneen Qe’ee Isaanii Irraa Buqa’an Dhiifama Gaafatan


Obbo Geetaachoo Reddaa Kanneen Qe’ee Isaanii Irraa Buqa’an Dhiifama Gaafatan
Obbo Geetaachoo Reddaa Kanneen Qe’ee Isaanii Irraa Buqa’an Dhiifama Gaafatan

Sababaa wal waraansa Kaaba Itiyoophiyaan naannolee Tigraay adda addaa irraa qe’ee isaanii irraa buqa’anii buqqaatonni magaalaa Maqalee keessa buufatanii jiran, Roobii har’aa jechuunis Amajjii 15 bara 2016 gara qe’ee isaaniitti akka deebi’an hiriirri gaafatu geggeessamee jira.

Hiriirtota kanaaf deebii kan kennan prezidaantiin yeroo kan naannoo Tigraay Geetaachoo Reddaa, gaaffiin buqqaatotaa gaaffii bulchiinsa isaaniis ta’uu tuquu dhaan dararaan buqqaatotaa yeroon itti dheerachuu isaa dhiifama gaafataniiru.

Obbo Geetaachoon akka jedhanitti, akkaataa namni itti jiraatuun ala buqqaatonni kun dararaa keessa darbaa jiraachuu ni hubanna. Dararaan keessan kun yeroon isaa akka gabaabbatu ni hojjenna jechuu irra darbee waanan jedhu hin qabu. Ammas irra deebi’ee kana dura hojjechuun kan nu irra ture hojjechuu dhabuu keenyaan akka hoogganaa mootummaatti dhiifaman gaafadha.

Sadarkaa addunyaa, sadarkaa biyyaa akkasumas sadarkaa naannoo Tigraayitti hojii hojjennu keessatti ka dursi kenninuuf dhimma kanaaf ta’a jedhanii, itti dabaluu dhaanis uummanni keenya beelaan dararaamaa waan jiruuf ilaalcha itti kenninii hojjenna jedhan.

Hiriirri namoonni kumaan laka’aman irratti argaman irratti, walii galteen nagaa Pritooriyaa guutummaa dhaan hojii irra haa oolu, kanneen qe’ee irraa buqa’an haa deebi’an, gargaarsi n amoomaa ga’aan haa dhiyaatu dhaadannoolee jedhu dhageessisaniiru. Hiriirri wal fakkaatu Adigiraat, Adwaa, Aksuu akkasumas magaalaa Shire Indaasilleesee keessatti Wiixata darbe geggeessamuun isaa ni yaadatama jechuu dhaan Mulugeetaa Atsbehaa Maqalee irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG