Dubbii Himaan ministira haajaa alaa Itiyoophiyaa Melles Alem har’a Ibsa sabaa himaaleef kennaniin Masiriin Itiyoophiyaan akka hin tasgabboofne hojjetti jedhanii Itiyoophiyaa caalaas Uummata Somaaliyaaf anatu yaada jechuun dhaadannoo hundee hin qabne jedhaniiru.
Walii galtee wal hubannaa Itiyoophiyaa fi Somaali land waliif mallatteessan hordofee Somaaliyaa cinaa akka dhaabbatu kan ibsite Masiriin karaa ministira haajaa alaa ishee Itiyoophiyaan naannoo gaanfa Afirikaarratti madda Tasgabbii dhabinsaati jechuun ibsanii ture. Pireezidaantiin Masiriis Abdul Fattaa Alsiisii Ibsa kennaniin eenyuyyuu obboloota keenya Somaaliyaa akka doorsiisu hin eeyyamnu jedhanii ture.
Dubbiiwwan gama Masiriin dubbataman hundi wal fakkaatu kan jedhan Amabaasaddar Mellees Alem ejjeenno isaanii Itiyoophiyaarratti dhiibbaa fidu hin qabus jedhaniiru. Itiyoophiyaan kanaan duras wayita hidhaa bishaanii guddicha laga Abbayyaa irratti jalqabdus Masiriin Ibsa baasaa turte. Garuummoo Ibsa isheen baasaa turteen Ijaarsi hidha bishaanii laga Abayyaa irratti gama Itiyoophiyaan hojjetamu gaaf tokkoyyuu dhaabbatee hin beeku kan jedhan Ambaasaddar Melles Alam Ibsoota Liigii Araabaa fi Masiriin baasaa jiraniif walii galtee wal hubannaa Somaalii laandi waliin mallatteessinerratti jijjiiramni dhufu hin jiraatu , akkaatuma walii galtee keenyaan itti fufa jedhaniiru.
Forum