Qondaalli dhaabbata mootummoota gamtoomanii kun waamicha kana kan dhiiyyeessan bakka leenjii dhaabbata mootummoota gamtoomanii kan ture keessa namoonni lammiilee Paaleestiin waraanicha irraa baqachuun da’oo godhatanii jiranitti meeshaa waraanaa Taankiin tarkaanfiin fudhatameen namoonni 12 du’uu isaanii hordofeeti.
Dhaabbata mootummoota Gamtoomaniiti daayireektarri dhimmi Gaazaa Toomaas Waayiit Kibba Gaazaa magaalaa Kihaan Yuunis keessatti bakka halleellaan kun itti raawwatam,etti haalli ta’aa jiru walitti fufinsaan bu’uurri seera namoomaa cabaa jiraachuu agarsiisa jedhan. Itti dabaluunis halleellaawwan magaalaa Kihaan Yuunis keessatti itti fufinsaan namoota nagaa irratti fudhatamaa kan fudhatama hin qabnee fi hatattamaan dhaabbachuu qabas jedhaniiru. Halleellaa guyyaa Roobii kaleessaa fudhatameera jedhaniin Toomaas Waayiit namoonni nagaa 75 madaa’uu ibsanii kunis wal waraansichi bakkoota Hospitalaa fi da’annoowwan namoonni waraanicha baqaaf buqqa’anii keessa jiranitti taasifamuus eeraniiru.
Humni waraanaa Israa’eel haleellaan kun kan raawwatame gama isaan ta’uu hin amanne, garuummoo dhimmicha qorachaan jira jedhee. Naannoo Kihaan Yuunis garuu bakka buufata milishaa Hamaas isa murteessaadha jehdeera.
Yuunaayitid Isteetsi waraana Israa’eel Hamaas irratti taasiftuun deeggartu ishee olanaa jedhamtu karaa waajjira haajaa alaa ishee haleellaa Kihaan Yuunis keessatti namoota nagaa irratti fudhatame balaaleffachuun , tarkanfii wiirtuu leenjii dhaabbata mootummoota gamtoomaniirratti fudhatamettis ni gaddina jedheera.
Forum