Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaa Mootummootaaf Kan Hojjetan Lammiileen Yunaayitid Isteetisiif Briteen Yemen Keessaa Akka Ba'an Angwoonni Hutii Ajajan


Tokkummaa Mootummootaaf Kan Hojjetan Lammiileen Yunaayitid Isteetisiif Briteen Yemen Keessaa Akka Ba'an Angwoonni Hutii Ajajan
Tokkummaa Mootummootaaf Kan Hojjetan Lammiileen Yunaayitid Isteetisiif Briteen Yemen Keessaa Akka Ba'an Angwoonni Hutii Ajajan

Murtoon kun kan dhufes humnoonni Hutii kan Iraaniin deeggaraman galaana diimaa haleellaa dooniiwwan daldalaa Idil Addunyaarratti kan isaan Israa’eel waliin hidhata qabu jedhanirratti fudhataniif deebii kan ta’u Yuunaayitid Isteetsii fi Biriiteen halleellaa qilleensarraan garee kanarratti erga fudhataniin booda.

Mootummaan Yuunaayitid Isteetsi gama isaan torbaan darbe gareen hidhattoota Hutii galaana diimaarraatti halleellaa dooniiwwan daldalaa idil addunyaarratti raawwataniif toora garee Shororkeessummaatti deebisuu isaa beeksiiseera. Gareen Huutiis gama isaan haleellaawan dooniirratti raawwatu deeggarsa Paalestinootaaf qabu agarsiisuuf akka ta’e ibseera.

Xalayaan bakka bu’aa qindeessaa gargaarsa namoomaa kan dhaabbata mootummoota gamtoomanii Yemen keessaa Angawoota Yemenii irraa ergame lammiileen biyyoota Yuunaayitid Isteetsii fi Biriiteen hojjettoota dhaabbatichaa Yemen keessa jiran yeroo guyyoota Soddomaa keessatti biyyattii gadhiisanii akka ba’an ibsu isaan qaqqabuu mirkaneesseera.

Madda Oduu Yemen kan Saba jedhamuun beekamu fi kan Garee Hutiin hoogganamu kan hoogganan Nasiraddiin Amiir madda Riyooteersiif akka ibsaniti tarkanfii biyyoonni lamaan Yunaayitid Isteetsii fi Biriiteen Yemeenii irratti fudhaniif biyyoota kana lamaan mormuuf fudhatamedhas jedhaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG