Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maalii Keessatti Lafti Warqee Qotan Jigee Namoonni 70 Du’an


Faayilii: Maalii keessaa Lafti Warqee qotan jigee namni 70 du'an
Faayilii: Maalii keessaa Lafti Warqee qotan jigee namni 70 du'an

Torban darbe bakka albuuda warqee baasan kan Maalii keessatti ujjummoon jigee lubbuun namoota 70 ol darbuu maddeen biyya keessaa Roobii darbe dhaabta oduu Ajaans Fraans Preesiitti himaniiru.

Kunis balaa kutaa sana keessatti yeroo dhiyootti albuudaa waliin wal qabatee dhaqqabate ta’eera.

Biyyoota hiyyeeyyii addunyaa keessaa tokko kan taate Maaliin Afrikaa keessatti warqee oomishuuf adda dureedha.

Bakkeewwan albuuda warqee qotamuu yeroo hunda sigigaachuun lafaa mudatuu, lubbuu namaa kan galaafatu yoo ta’u, aanga’oonni albuudaa gati jabeessa kana to’achuuf rakkatu.

"Sagalee guddaan jalqabe, Lafti raafamuu eegalte," jechuun Oumar Sidibe, qondaalli warqee albuuda baasuu, magaalaa Kangaabaa kibba lixaa, Jimaata har’a ibsanii jiru.

"Dirree kana keessa namoonni warqee albuuda baasan 200 ol turan. Amma sakatta'iinsi xumurameera. Reeffi namoota 73 arganneerra," jedhan.

Ministeerri albuudaa Maalii ibsa kenneen du’a albuuda baastoota hedduu beeksisee ture garuu lakkoofsa isaanii isa sirrii hin kennine.

Mootummaan ''maatii gadda keessa jiranii fi ummata Maaliif gadda guddaa itti dhaga'ame'' ibseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG