Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Maree Dhimma Islaamummaa Naannoo Tigiraay, Mana Maree Dhimma Islaamummaa Itiyoophiyaa Waliin Deebi’ee Hojjechuuf Waliigale


FAAYILII: Magaalaa Maqalee
FAAYILII: Magaalaa Maqalee

Manni Maree dhimma Islaamummaa Naannoo Tigiraay kanaan dura sababa waraana Kaaba biyyattii keessa ture hordofee , mana maree dhimma Islaamummaa Itiyoophiyaa kan Federaalaa irraa addaan ba’uu isaa labsatee ture , amma gaaffii mana maree dhimma Islaamummaa Itiyoophiyaa irraa waliin hojjenna jedhu fudhatee gara bakka isaa duraatti deebi’uu isaa mirkaneesse. Manni maree Islaamummaa Tigiraay murtoo kan kan fudhanne Manni maree Islaamumaa Federaalaa dhiifama nu gaafate fudhanneetis jedheera. Xalayaan dhiifamaa Mana maree Islaamummaa Federaalaa irraa ergameef yeroo waraanaa sanatti gargaarsa namoomaa fi jajjabina amantaan isin bira dhaabbachuu dhiisuu keenyaan fi erga walii galtee Piriitooriyaatiis magaalaa Maqalee daawwachuu dhabuu keenyaaf dhiifama gaafachuu isaa manni maree Islaamummaa naannoo Tigiraay ifoomseera. Manni Islaamummaa Naannoo Tigiraay Ji’a Guraandhalaa bara 2022 irraa kaasee mana maree dhimma Islaamummaa Itiyoophiyaa irara addaan baaneerra jedhanii labsatanii turan jechuun Maqalee irraa Muluugeetaa Atsibahaatu gaabase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG