Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoophiyaa Tokkummaa Somaaliyaa Ilaalchisee Itti Hamatamu Hin Qau, Jedhan Mummichi Ministeeraa Abiyyi Ahmad

Somaaliyaan tokko akka taatuuf mootummaan isaanii hojiin kan agarsisee ta’u kan ibsan Dr Abiyyi, somaaliyaa waliin wal waraanuufis fedhii hin qabnu jedhan.

Mallatteeffamuu galmee wal hubannoo somaaliilaand waliin mallatteessan muddamsa hammeessee yeroo jiru kanatti yaada kennan kanaan, walii galtee dhabiinsa uumamees haasawanii furuuf akka carraaqan ibsan.

Mummichi ministeeraa Abiyyi miseensoota koree gidduu galeessaa paartii Badhaadhinaaf mata duree adda addaa irratti ibsa kennaniin, waliigaltee tolfamee sana booda, dhiibbaan taasifamuu jabaatee itti fuffuu ibsan.

Koreen giddu galeessaa kan paartii Badhaadhinaa waliigalteen wal hubannaa tolfamee hojii irra akka ooluuf cichaan akka hojjatu murteessee jira.

Prezidaantiin Somaaliyaa Haasan sheek Mahmuud guyyaa sadii dura Al-Jaziiraa waliin gaaffii fi deebii gaggeessaniin, Itiyoophiyssn ulaa galaanaa akka argattuu gochuuf, marii gaggeeffamuuf qophii ta’u ibsanii garuu, Itiyoophiyaan abbaa biyyummaa fi tokkummaa somaaliyaa kababajuu qabdi jechuun haal duree ka’an.

Forum

XS
SM
MD
LG