Obbo Tamasgeen Xiruuneeh itti aanaa pireezidaantii Paartii biyya bulchaa jiru kan Badhaadhinaa ta’uun filatamuu miidiyaaleen mootummaa gabaasanii jiru. Rooytars akka gabaaseetti, Itti aanaan pirezidaantii dhaabichaa akkaataa baratameen itti aanaa muummicha ministeeraa ta'uun tajaajila.
Garu aangoo itti aanaa mummicha ministeeraa irraa kaafamuu obbo Dammaqaa makonniniis ta’e aangoo kanaaf haaraa muudamuu Obbo Tamasgeen Xiruneeh ilaalchisee mootummaa irraaas ta’e paartii biyya bulchaa jiru irraa ibsii kennamee hin jiru.
Paartiin Badhaadhinaa Itiyoophiyaa bulchaa jiru itti aanaa preezdaantii yeroo dheeraaf tajaajilaa turan Dammaqaa Makonnin “kabajaan” kan gaggeessee yoo ta’u bara 2011 kaasee aangoo kana irra turan.
Bara 2018 mummee Ministeeraa Abiy Ahmad aangoo eega qabatanii boodas gurmaa’insa paartii biyya bulchaa jiru keessaas hin baafamne.
Obbo Tamasgeen xuruuneeh itti gaafatamaa tajaajila Tikaa biyyoolessaa yoo ta'an, waldhabdee bara darbe naannoo Amaaraa keessatti milishoota naannoon keessaa ka'eef ,deebii mootummaan kennu waliin qindeessaa jiran.
Jeequmsa naannoo Amaaraa keessatti uumameen alatti, waldhabdeen waggoota kurna kan lakkoofsisee kan Oromiyaa keessaa waggoota dhiyoo asitti hammaatee, dhibbootaan kan lakkaa’aman ajjeesuu fi kuma kurnaan kan lakka’aman lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqisee jira jechuun Rooytars gabaasee jira.
Forum