Walgahii hoggantootaa biyyoottan Afrikaa hedduu wajjin Ixaaliyaa keessatti taasifameen walqabatee kan dubbaata muumeen ministeeraa mootummaa Ixaaliyaa Giorgia Meloni, akka ibsaniitii, walgahichii kan xiyeeffate, karaa dhimmaa godaantotaa fi Karaa maddaa haniisaa irratti walitii dhufeenyaa Adamsuu irraati hin hundoomnee Afrikaadhaa fi Awurooppaa giduutti Umuudhaaf.
Muumitiin ministeeraa Ixaaliiya Sadarkaan jalqabaa walgahichaa milkaa’uu isaa kan ibsan yemmuu ta’u, sochii haala jijjirama qileenssaa dandamachuu fi misoomaa haniisaatiin walqabatee adeemaa jiru jabeesuudhaaf mootummaa Ixaaliyaa gargaarsaa doolaara Biiliyoonii 5.95 kennuudhaaf waadaa seenuu isaa hanga’onni mootummoota gamtoomanii fi kan gamtaa Awuroopaa ibsanii jiru.
Dhimma kan irratti yaada kan keenne Komishiiniin gamtaa Afrikaa, karoorra misooma Afrikaa ilaalchisee taasifamu kamiinuu irratti biyyoottan Afrikaa akka hirmaachuu qabanuu fi waadaa qofa ittu hin ta’in wantii qabatamaa ta’e akka barbaachisuu ibsuun isaa gabaasameera.
Karoorrii gargaasa jalqabaa kun, lammiiiwwan Afrikaa hojii barbaachaa karaa seeraan alaa garaa biyyoottan Awurooppaatti imala bala qabeesaa ta’ee karaa gaalaanaa taasisan dhaabsisuudhaafi bakka jiranuuti akka hojii argatan taasisuuf karaa projektoota barnootaa, eegumsaa fayyaa, bishaanii, qotiinsaa fi Haniisaa irraatti hojjachuuf akka ta’e ibsameeraa.
Akka gabaasii dhaabata mootummoota gamtoomanii jedhuutti, wagga darbee namoottan kumma 100 fi Kumnii 60 karaa galaanaatiin, gara daangaa Ixaaliyaati kan ce’an yemmuu ta’u, godaantonni 100 ol ta’an immoo galaanaa keessatti du’aniiru ykn immoo achi buuteen isaanii hin beekamne.
Forum