Xurree ittiin seenan

Breaking News

Loltoonni Isiraa'el Hospitaala West Baank Keessatti Finxaaleyyii 3 Ajjeesuu Beeksisan 


Loltoonni Isiraa'el Hospitaala West Baank Keessatti Finxaaleyyii 3 Ajjeesuu Beeksisan 
Loltoonni Isiraa'el Hospitaala West Baank Keessatti Finxaaleyyii 3 Ajjeesuu Beeksisan 

Walakeessaa bahaatti Kutaawwan lammileen Paalastaayin keessa jiratan keessa tokko kan ta’ee Weest Baank bakka Jeeniin jedhamuti kan argamuu hospiitaala Ibin Siinaa jedhamuu seenudhaan qibxata har’aa namoottan Sadii ajjeesuu isaa waraanii israa’eel beeksise jira. Namoottan ajjeefaman kun miseensota garee Hamaasiifi ajjeejaa Onkololesa 7 lammilee Israa’el irratti raawwatamee qiinseesuu keessaa wareen harka qabanuufi hospiitaala keessa dhukananiidhaa jedheera waraanni Israa’el.

Akka waraannii Israa’eel dabalee jedhetti, nammi umuriin isaa wagga 27 ta’eefi Mohaamed Jalamiini jedhamee maqaan isaa dhahame hoggaansaa Hamaas biyyaa alaa jiruu wajjin nama hidhata qabuufii haleelaa Israa’el irratti raawwatamuu qabuuf nama karoora qopheesuu keessaa tokko akka ta’e beeksiseera.

Raadiyoon Sagalee Paalastaayin lammiileen Paalastaayin Sadii ajjeefamuu isaanii Ibsuu isaatiin alatti haanga’onii Paalastayiin eenyummaa namoottan ajjeefamanii ilaalchisee wantti jedhan akka hin jirre beekameera.

Kutaan Weest Baank Gaazaa alatti kan argamuu bakka lammiileen Paalastayiin keessa jiraatan yemmuu ta’u, ergaa lolli Hamaasii fi Israa’el jalqabamee as namoottan 370 kutaa sana keessatti waraana Israa’eliin Ajjeefamuun isaanii gabaasameera.

Karaa biraatiin hogganaan garee Hamaas Ismaa’el Haniyiih Qibxata har’aa akka jedhaniitti yaadiinii yeroo gabaabaadhaaf dhukaasa dhaabuu fi warren umnaan butamanii garee isaanii harka jiran akkaata gad lakkisuu irratti hundaa’e akka isaaniif dhihaate ibsanii jiru.

Hamaas yaada dhihaatee kana ilaalaa akka jiruufi dhimmichaa irratti baldhinaan maryachuudhaaf gara Kaayiro akka adeeman ibsanii jiru hogganaan Hamaas.

yaadinii waligaltee dhukaasaa dhaabuu kanaa kan maddee walga’ii haanga’onnii Amerikaa, Israa’el, Kaataari fi Masir magaala Paariis keessaati tibbana taasisan irraa akka ta’e gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG