Ministeerri Ministira geejibaa fi loojestiikaa mootummaa Ityoophiyaa Dokteer Alamuu Simee gabaasaa walakkeessa wagga kanaa koree miseensotaa mana maree bakka bu’oota ummataafi dhiheessan kessatti akka ibsanitti mootummaan tarkaanfii kana kan fudhatee rakkina faalama qileensaa hirdhisuudhaaf jecha.
Minteerichii gabaasa Wixata kaleessaa dhiheessan kana keessatti, rakkina faalama qileensaa xiqeesuuf konkola’atootaa boba’aadhaan socha’an akka biyyaa keessa hin gallee taasisuudhaan konkola’attonni umnaa Elektiriikaatiin hojjatan akka biyyaa seenan jajjabssuudhaaf akka ta’ee himaniiru.
Ministeertichi akka dabalani ibsanitti konkola’atootaa boba’adhaan hojjatan akka biyyaa hin seenee taasisuudhaan alattis konkola’atootaa moofa biyyaa keessa jiran hojiidhaa alla gochuudhaaf seerri bahee akka irraatii hojjatamaa jirus beeksisaniiru.
Magaala finfinnee kaassatti muddamaawwan geejibaa jiran furuudhaaf jechaas sa’atii hojii galaa fi hojii bahaati konkolatootaa geejiiba ummataatiin alatti kan dhuunfaa irratti daangaan sochii dhorkuu akka kaa’muf deemu ibsii ministerraa geejibaa fi loojestiikaa kun dabalee beeksisuu isaa gabaasnii Geberemikaa’el Gebremediihin ibseera.
Forum