Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtii Zimbaabwee Nama Siyaasaa Guyyoota 600f Hidhaa Keessa Ture Akka Gad Dhiisamu Ajaje

Manni Murtii Zimbaabwee Nama Siyaasaa Guyyoota 600f Hidhaa Keessa Ture Akka Gad Dhiisamu Ajaje
Manni Murtii Zimbaabwee Nama Siyaasaa Guyyoota 600f Hidhaa Keessa Ture Akka Gad Dhiisamu Ajaje

Hogganaan paartii mormituu Joob Sikaalaa bara 2022 paartiin biyya bulchu leellisaa mirga namaa garee mormituu irraa ta’e ajjeese kan inni jedheef mootummaan himannaa sana haaleen booda, jeequmsa ummataa kakaasuun himatamee mana hidhaatti darbame

Kibxata darbe abbaan murtii jeequmsa ummataa kakaasuu isaatiin yakkamaa isa taasisee hidhaa waggaa lamaa itti murus, yeroo dheeraa mana hidhaa keessa waan ammaaf bilisa ta’eera.

Abukaatoon Sikhaala maamilli isaanii murtii kana irratti ol’iyyannoo akka dhiyeessan dubbataniiru. "Hin boqonnu. Dhimmicha ol'iyyannoof gara Mana Murtii Ol'aanaatti akka geessinu qajeelfama arganneerra. Wanti nuti barbaannu bilisa ta'uu malee murtii salphaa ta'een murtiin akka kennmu miti. Lakki, kana irratti walii hin galle." Jedhan.

Sikhalaan paartii mormituu Citizens Coalition for Change (CCC) jedhamuuf hogganaa dha.

Bara 1999 erga hojii siyaasaa jalqabanii qabee yeroo kudhanii ol hidhamaniiru.

This item is part of

Forum

XS
SM
MD
LG