Miseensota mana Maree Dabalatee kanneen Awaash Arbaa irraa Gara Finfinneetti Geessaman hidhamtoota kana arguun kan isaaniif hin eeyamamne ta’uu Abukaatoon isaanii ibsaniiru.
Hidhmtoonni kun gara Finfinneetti darbuu isaanii maatii irraa kan adda baafatan ta’uu kan ibsan abukaatoo isaanii keessaa t okko kan ta’an obbo Solomon Gezzaaheny, har’a hidhamtoota kana qaamaan arguuf yaalanii dhorkamuu isaanii dubbataniiru. Komiishinni mirga namoomaa Itiyoophiyaa gama isani hidhamtoota kana arguuf poolisii waliin dubbachaa jiraachuu isaaf dhiyeenyattis akka isaan argu ibsee jira.
Gama biraan Fiigicha”Talaqu Rucaa” jedhamuun wal qabatee dargaggoonni to’annaa jala oolanii turan gad dhiisamuu isaanii abukaatoon isaanii ibsaniiru
Naannoo Amaaraa kessatti haalli nageenyaa boora’uu isaan kan ka’e, naannoo sanaa fi akka barbaachisummaa isaatti guutummaa Itiyoophiyaatti hojii irra oola kan jedhamaniin wal qabatee namoonni hidhaman kun baatilee 6f Awaash Arbaa kan turan ta’uu abukaatoon isaanii ibsaniiru. Obbo Solomon akka jedhanitti maatii irraa kanneen yaada kennan hidhamtoota kana Wixata qaamaan kan argan ta’uu isaaniif rakkoon fayyummaa isaan mudatee wal’aansa fayyaa hordofaa akka jiran ibsaniiru. Nageenya isaaniif sodaaf jecha illee sagaleen isaanii akka qilleensa irra hin oolle kanneen gaafatan namoonni yaada kennan lama, firoottan isaanii qaamni isaanii huuqqatee jiraachuu dubbatatn.
Dhimma kana irratti yaada kan kennan itti aantuu komiishina dhimmootii mirga namaa Itiyoophiyaa Raakeeb Messelee Hidhamtoonni kun Finfinneetti darban ta’uu isaanii komiishinichi poolisii irraa mirkaneessuu ibsanii, haa ta’u malee guutummaa dhaan darbanii akka hi raawwanne ta’uu isaaniif guyyoota booda martinuu ennaa gamanatti darban komiishinichi akka isaan daawwatu poolisii waliin walii galuu isaanii tuqaniiru.
Dhimma kana ilaalchisuu dhaan komiishina poolisii Federaalaa biraa odeeffannoo argachuuf yaaliin irra deddeebiin ta’e bilbilli dubbi himaa komiishinichaa waan hin kaaneef hin milkoofne jechuu dhaan kenedii Abaatee Finfinnee irraa gabaaseera.
Forum