Karoorrii mi’aawwan Prezidaantii Afrikaa Kibbaa duraanii Niilsen Maandelaa caalbaasidhaan gurguruuf qophaa’e akka hojii irra hin oole manii murtii ajaajee jira.
Sirnii caalbaasii Kun karaa tooraa masariitiin kan taasifamuudhaaf karoorfame Guraandhala 24 bara 2024ti akka ta’e kan gabaasame yemuu ta’u, dhaabanii mi’aawwan Maandeelaa kana bituuf jedhe Magaala Niyoorkitti kan argamuu dhaabbata caalbaasii Gu’eernese jedhamudha. Dhaabatichiis dhimma kana keessa kan seene Mucaa angafa Niilseen maadeellaa Dr. Maakaaziiwii Maandeelaa wajjin ta’uudhaan akka ta’e ibsameera.
Dhimmichaa irraatii mormiin ummatta fi kan mootummaa Afrikaa kibbaa irraa kan dhihaatee yemuu ta’u, dhimmichaa mana murtiitti geesuudhaan akka hin raawwatamene kan taasisee dhaabata Maddaa Haambaalee Afrikaa kibbaa jedhamu akka ta’ee beekameeraa.
Caalbaasii kana irratti wanneen gurgurtaaf dhiihaatan keesaa, xalaayaalee Mandeelaan yemuu mana hidhaa turan barreesaa turan, uffta halkanii prizidaantii Amerikaa duraanii Baarak Obaamaa fi haadha warraa isaanii irraa Maandeelaadhaaf kennaman akka argaman gabaasamrra.
Akka dhaabanii caalbasii kan duraa dhaabate jedheetii mi’aawwan maandeela kun kana booddee Haambaalee fi qabeenyaa Afrikaa kibbaa ti.
Forum