Itiyoophiyaan muddamni naannoo kun furmaata akka argatu kan barbaaddu ta’uu har’a jechuun amajjii 23 ibsa tuuta oduuf kennaniin kan ibsan dubbi himaan ministrii haajaa alaa ambaasaadder Melles Alem, golli naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaas ejjennoo wal fakkaatu ibsuu isaa beeksisaniiru. Ejjennoo Itiyoophiyaa maal akka ta’es ibsaniiru.
Sadarkaa addunyaatti mata duree ta’ee kan turee fi baatii tokko kan guute Somaalii Laandii fi Itiyoophiyaan walii galtee wal hubannoo isaan mallatteessan gaanfa Afriikaa keessa muddama jiru akka hammeessetti itti fufee jira.
Keessumaa Itiyoophiyaa fi walii galteen sun Abbaa biyyummaa koo kan mormuu dh aka jettu Somaaliyaa gidduutti madda muddamaa kan ta’e galmeen wal hubannaa sun, ajandaa gola naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa hanga ta’utti ga’ee jira. Golli naga eegumsaa Mata duree “Nagaa fi Nageenya Afriikaa” mata duree jedhuun wal dhibdee Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti wal dhibdee uumame ilaalchisee mari’achuuf Wixata darbe jechuun Amajjii 20 marii cufataa geggeessee jira.
Dubbi himaan ministrii dhimma alaa Itiyoophiyaa Ambaasaadder Melles Alem dhimma kana ilaalchisee gaazixeessotaaf har’a ennaa ibsa kennan gaaffii dhiyaateef deebii kennaniiru.
Gaaffii Somaaliyaan dhiyeessiteen marii cufataa geggeessame irratti Itiyoophiyaan argamuu kan ibsan dubbi himaan kun, furmaati naannoo akka barbaachisu marii sana irratti ka’uu dubbataniiru.
Ejjennoon kunis ejjennoo Itiyoophiyaa fi gamtaa Afriikaa waliin kan wal simu ta’uu ibsaniiru. Mani marichaa wal ga’ii sana booda ibsa waliinii akka hin basin illee eraniiru.
Itiyoophiyaan golli naga eegumsaa wal ga’ii akka waamu gaaffii Somaaliyaan dhiyaate mormuu isee manni marichaa marsariitii isaa irratti gabaasa baaseen beeksisee jira.
Sababaa Itiyoophiyaan dhiyeessites rakkoon isaa kan manni maree nageenya gamtaa Afriikaa kan dhiyeesse yaada mariitiin ilaalamuu akka qabu dha.
Gama biraan rakkoo Somaaliyaa waliin uumame ilaalchisee IGAD wal ga’iin akka geggeessamu Itiyoophiyaan gaafachuu ishee ambaasaadder Melles Alem mirkaneessanii jiran.
Forum