Loltoonni naannoo Tigraay duraanii warren yeroo lolaa madaa’anii jiran guyyaa har’aa magaala Maqalee keessaati hiriira mormii taasisanii jiru. Namoottan hiriira kana irratti hirmaatan keessaa kanneen Sagalee Amerikaatti dubbatan, mootummaan bulchiinsa yeroofii kan naannoo Tigraay, nu iraanfateera, wal’ansa fayyaa nu barbaachisu argachaa hin jirru, maalaqa maqaa keenyaan ramadame irratti malaan maltumaan raawwachaa jira jedhanii jiru.
Hiriirtonni lakkobsii isaanii 150 ta’u fuullee waajiraa bulchiinsaa yeroo naannoo Tigraay durrati argamuudhaan mormii isaanii kan dhiheessan yemmuu ta’u , itti anaa prezidaantiin bulchiinsa naanichaa Letenant Jeeneraal Taadese Werede jimaata borii bakka miidhamtoonii waraanaa kun itti argamannu deemuudhaan rakkina isaaniitiif furmaataa waloo tolchuu irraati akka mari’atan ibsameera.
Forum