Xurree ittiin seenan

Breaking News

Liindaa Toomaas Giriinfiild Tibbana Biyyoota Afrikaa Lixaa Sadii Daawwatan


Liindaa Toomaas Giriinfiild Tibbana Biyyoota Afrikaa Lixaa Sadii Daawwatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:20 0:00

Liindaa Toomaas Giriinfiild Tibbana Biyyoota Afrikaa Lixaa Sadii Daawwatan

Tokkummaa Mootummootatti Ambaasaddarri Yunaayitid Isteetis, Liindaa Toomaas Griinfiild tibana biyyoota Afrikaa sadii – jechuun, Laayibeeriyaa, Seraaliyoonii fi Giinii Bisaawutti imalanii jiru.

Kaayyoon imala isaanii inni duraa jila prezidaantummaa Yunaayitid Isteetis hoogganuudhaan sirna muudama prezidaantummaa Laayibeeriyaa irratti argamuu akka tahe kan dubbatan – Tokkumaa Mootummootaatti, Ambaasaaddarri Yunaayitid Isteetis – Liindaa Toomaas Griinfiild, imala kanaananis cichoomina Laayiberiyaaf qaban agarsiisuu isaanii, filannoo milkaawaa geggeessameef uummata Laayiberiyaatiin, akkasumas, prezidaantii haaraa filataman Jooseef Bookaayii fi kan nagaadhaan taayitaa isaanii itti dabarsan Prezidaantii duraanii Wiyaa galateeffachuu isaanii ibsan.

Daawwannaan isaanii Seeraaliyoon immoo, biyyattiain dhiheenya miseensa miseensa mana-maree naga-eegumsaa Tokkummaa Mootummootaa waan taateef jecha, akka sirna Tokkummaa Mootummootaatti biyyattii daawwachuudhaan dhimmi biyyattiin dursa kennituuf maal akka tahe fi ka jaarmayaa Tokkummaa Mootummootaas maal akka tahe ibsuuf akka tahe eeranii, fonqolcha mootummaa dhiheenya biyyattii keessatti yaalames akka balaaleffatan dubbatan. Gama biraan biyyoonni Afrikaa Lixa sadii – jechuun, Maalii, Burkinaa Faasoo fi Nijeer dhiheenya, Gamtaa Hawaasa Dinagde Afrikaa Lixaa – IKOWAAS keessaa ba’uu isaanii ilaalchisee, akkamitti akka ilaalan, Sagalee Ameerikaan gaafatamanii ibsa kennanii jiran.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG