Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Naamibiyaa Du’an Boqotan, Itti-aanaan Isaanii Yeroof Barcuma Isaaniitti Muudaman


 Pireezidaantii Naamibiyaa Haahee Geengoob
Pireezidaantii Naamibiyaa Haahee Geengoob

Qabsoo bilisummaa Naamibiyaaf gameessa akkasumas walabummaa booda muummichi ministeeraa isa jalqabaa kan ta’an Pireezidaantiin Naamibiyaa Haahee Geengoob, Dilbata kaleessaa du’aan boqotan.

Hogganaa mootummaa kan ganna 82 kanaaf, hoggantoota Afrikaa kanneen akka goota qabsoo farra Appaartaayidiitti isa ilaalan irraa Kabajni qabaniif hedduminaan dhaga’amaa jira.

Akkasumas Chaansilarri Jarmanii Olaf Scholz biyyi isaanii "michuu adeemsa seenaa koloneeffataa Jarmanii waliin walii galuudhaaf kutannoo qabu" dhabuu isheetti gadda itti dhaga’amee ibsaniiru.

Dhiheenya kana Geengoob komii Afrikaan Kibbaa Komee Duguuggaa Sanyiitiin Israa’el irratti dhiheessite deeggaruun, bulchituu koloneeffataa Naamibiyaa duraanii Jarman dhimmicha mormuu ishee balaaleffatanii turan.

Marsaa lammataa pirezidaantii ta'uun tajaajilaa kan turan yoo ta'u, baatii darbe dhukkuba kaansariif wal'aanamaa akka turan ibsanii turan.

Itti aanaan pirezidaantii duraanii Naangolo Mbumbaa, prezidaantii ta’uun kakatanii aangoo kan qabatan yoo ta’u, itti aanaa pirezidaantii haaraa Netumbo Nandi-Ndaitwah (Nidetwah) ta’aniiru.

Lamaan isaanii hanga filannoo pirezidaantii fi yaa'ii biyyoolessaa gara dhuma waggaa kanaatti ni tajaajilu.


Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG