Somaaliyaa Kibbaa magaalaa Beleed Hawo Keessatti kaleessa galgala Lammileen Itiyoophiyaa namoonni Ja’a qaama hidhateen Ajjeefamuu Angawoonni sagalee Ameerikaatti himan. Komishinarrai Poolisii Magaalaa Beleed Hawoo Abdirashid Abdii Aroog Sagalee Ameerikaa sagantaa Afaan Somaaliitti akka himanitti kaleessa halkan keessaa naannoo Sa’aatii 9: 24 tti namni meeshaa hidhateeru mooraa namootaa keessa seenee dhukaasa baneen namoonni torba yommuu du’an wara ajjeechaan irratti raawwatame keessaa namoonni ja’a lammiilee Itiyoophiyaa sabaan Oromoo ta’anii fi kan torbaffaa immoo dubartii sabaan Somaalee taatedha jedhaniiru.
Abdirashid akka ibsanitti gochicchi kan raawwate yommuu humnoonni nageenyaa dabaree wal jijjiiraa jiranitti qaawwaa argametti fayyadamuunidha jedhanii battala sagaleen dhukkaasaa dhaga’ameenis qaamooleen nageenyaa bakkicha wayita ga’anittii Dubartoonni , daa’immanii fi dhiiroonni rasaasaan rukkuutaman kaan isaanii kan lubbuun darbee fi kaan isaaniimoo madaa’anii arganiirus jedhan.
Humnoonni Nageenyaa Ambulaansii waamanii gara buufata fayyaa geessuus himanii Abdirashiid warra lubbuun du’an keessaaa dubartii ganna 60 dabalatee dubartoota Afurii fi dhiirota lama kanneen lammii Itiyoophiyaa ta’anii fi sabaan Oromoo ta’an ta’uus mirkaneessaniiru.
Hoogganaan nageenyaa naannoo Jubaaland Yusuuf Huseen dhimma kanarratti gaafatamanii ajjeechaan raawwachuu isaa mirkaneessanii ajjeechaa kana dudduuba harka shororkeessaa Alshabaabitu jira jedhaniiru. Haleellaan raawwatame kun namoota hidhatan Afuriin ta’uu kan himan Yusuuf Huseen humnoonni nageenyaa dhimmicha qorachaa jirus jedhaniiru.
Komishinarrii Poolisii Magaalaa Beleed Hawoo Abdirashid Abdii Aroog namoota nagaaf eegumsa taasisuuf humnooni nageenyaa tarkaanfii dabalataa akka fudhatanis himaniiru.
Forum