Loltoonni Eertiraa naannolee daangaa Tigraay keessatti, qonnaan bultoota butanii beeleedaalee dhibbaan lakkaa’aman hatanii jiru.
Kunis erga dhukaasa dhaabinsii wal waraansa Tigraay keessatti geggeeffamaa ture xumuree looltonni Ertraa Tigraay keessaa akka ba’an gaafate ji’oota 15 booda akka ta’e, yaadannoon galmee gargaarsaa, dhaabbatii oduu Asoosheetid Prees arge ni mul’isa.
Yaadannoon baatii torban dabree xumuuramee Amajjii 31 kun, xiinxala aanaalee lama naannoo daangaa Eertiraa jiran irratti ejensiiwwan Tokkummaan Mootummootaa dhaabbilee kan mootummaa hin ta’iiniin gaggeeffame irratti kan hundaa’edha.
Humnoota Eertiraan kanneen butamanii fudhatamii fi weerara beeyladaa irratti gaggeeffame hedduu galmeessee jira. Yaadannoo kanas aangawaa Tokkummaa Mootummootaa kan maqaan isaanii akka ibsamuu hin feeneetu dhaabata oduu Asoosheetid Preesiitti kenname.
Ministirri odeeffannoo Eertiraa Yemane Gebremeskel himannaa kana haaluun, gabaasni weerara beeyladaa fi butamuu beeyladaa jedhame “soba” jechuun Jimaata darbe dhaabata oduu kanatti himaniiru.
Gaafa Amajjii 22, horsisee bulaan saddeet harree fi gaala isaanii waliin butamanii turan. Kan biraa ammoo Mudde 6 beeleedaalee 56 waliin namoonni jaha butamanii turan. Yeroo 3ffaaf gaafa Mudde 5 loltoonni Eertiraa beeleedaalee 100 hataniiru kan jedhu galmeen kun,
Sanadni kun akka hubachiisutti, konyaaleen daangaa biyyoota lamaanii irra jiran keessaa hedduun waraana Eertiraan “guutumaan guututti kan qabaman yookaan kan to’ataman ta’u ibse.
kunis namoonni waldhabdee kanaan buqqa’an gara qe’ee isaaniitti deebi’anii lafa isaanii misoomsuu hin danda’an jechuudha jedhee, Bakka hedduutti waraanni federaalaa kan Itiyoophiyaa akka hin jirree fi namoota eeguu dadhabaa jira jedha.
Akkasumas aanaalee xixiqqaa Shimblinaa fi Ademeyti kanneen caamaan miidhamanii fi gargaartoonni namoomaa argachuuf rakkisaa ta’an keessatti, yoo xiqqaate namoonni 50ni beelaan du’uu isaanii galmeen kun gabaaseera.
Forum