Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Biriteen Itiyoophiyaadhaaf Gargaarsa Namoomaa  Yuroo Miiliyoona 100 Kenne


Mootummaan Biriteen Itiyoophiyaadhaaf Gargaarsa Namoomaa  Yuroo Miiliyoona 100 Kenne
Mootummaan Biriteen Itiyoophiyaadhaaf Gargaarsa Namoomaa  Yuroo Miiliyoona 100 Kenne

Mootummaa London waabefachuudhaan madii oduu Ajaan Firaans Prees/AFP akka gabaasetti, gargaarsaa taasifamee Kanaan namoottan miiliyoonii sadii ta’an keessumaa haadholiini fi Ijoolleewwan Tigraayiin keessa jiran irrati hojiin lubbuu baraaruu ni taasifama. Akkasumas karaa gargaasa namoomaa Birteen kanaan fuladuratti jireenyaa namoottan rakkina keessa jiran kanaa utubuu irratti akka hojjatamu ibsameera.

Ministeerri misoomaa fi kan dhimma Afrikaan kan mootummaa Biritaan Andriww Misheel daawnna isaanii guyyoottan lamaaf Ityoophiyaatti taasisan yemuu xumuran, hawaasinni adduunyaa gargaarsaa dabalataa akka Ityoophiyaadhaaf taasisu waamicha dhiheesaniiru.

Wal waraansii namoottan hedduu jireenyaa isaanii irraa buqqisuu isaa, bu’uraaleen misoomaa manca’uu isaani, halii jijjirama qileensaa namoottan qe’ee isaanii irraa godaansisuu isaa kan ibsan ministerri Birteen,Ityoophiyaa keessatti hirdhinii midhaan nyaataa cimaan mudaachaa jiruu adduunyaadhaaf waamichaa damaqinaa akka ta’e himanii, hawaasni adduunyaa gara Ityoophiyaatti fuullefachuu akka qabu waamicha dhisaanii jiru.

Gargaarsii Birteen kun gargaarsaa Ijoolleewwan naanno Tigraay keessa jiraniitiif kan oolu akka ta’ee, keessumaa ijoolleewwan wagga Shanii gadi jiranuu, haadholee ulfaa fi haadholee daha irraa ka’aniif kan ramadame akka ta’e gabssamera.

Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti jaarmiyaan qindeessa gargaarsa namoomaa OCHAn dhiheenyaa kana ibsa keenneen Haalii Hongee yeroo amma Itiyoophiyaa keessatti mullacha jiru, gamtokee kaabaa biyyatti, kallatii kibbaa fi kibbaabahaa biyyatii keessatti hammaachaa waan deemaa jiruuf gargaarsi namoomaa atattamaan dabalamuu qaba jechuudhaan waamichaa dhiheesee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG