Maddi oduu Rooyiters jiraatotaa sadii wabeeffachuudhaan sambata dheengaddaa Guraandhala 3 bara 2024 akka gabaasetti, loltoonnii mootummaa magaalaa Maraawii keessati ajjeechaa kana kan raawatan mana jiraattotaa irraa deemuudhaan.
Akka gabaasichii dabalee jedheetti, gochiichis kan raawwatee waraana mootumaa fi garee hidhatootaa Fannoo gidduutti erga lolli taasifamee booda.
Jiraattonni eenyumaan isaanii akka ibsamu hin barbaanne Sadii akka dubbatan kan gabaasee Rooyiters, jiraatan magaalaa Marawii tokko, awwaalaa jumlaa namoottan 32 irratti hirmaachuudhaan arguu isaa, magaalaa alatti immoo namootta 20 ta’an bakka awwlachaa kirstaanaatti , namoonni 20 ta’an immoo bakka awwaalachaa musiliimaatti awwaalamuu isanii akka froottan itti himan dubbachuu iissa gabaaseera.
Jiraataan lammafaan immoo namoottan 65 awwalamuu isaanii akka argee himuu isaa, jiraatan sadaffaan Magaala keesaa hinture immoo yoo yaratee siviilonni 51 magaala Maraawii keessatti awwaalamuu isaanii akka dhagahe himuu isaa Rooyoters dabalee gabaaseera.
Ajjechaa Magaala Maraawii keessatti raawwateera jedhame kana ilaalchisee dubbii himaan waraanaa mootummaa Ityoophiyaa fi mootummaan naannoo Amaaraa deebii akka hin kennine kan gabaasee Rooyiters, karaa isaatiin haala wallaba ta’een dhimmichaa addaan baafachuu akka hin dandeenye eerera.
Waajirri komishiinii miraga namoomaa Ityoophiyaa magaala Baahir daaritti argamu ajeechaa magaala Maraawii isa jiraattonii kuma 35 ta’an keessa jiraatanuun walqabatee oddeeffannoo argachuu isaa ibsee ammamummaa balaa Sanaa addaan baafachuudhaaf hojjachaa akka jiru ibsuu isaa gabaasni Rooyiters kun ibseera.
Forum