Muummichii ministeeraa mootummaa Ityyoophityaa Abiy Ahimed guyyaa har’aa mana maree bakka bu’oota ummatta duratti dhihaachuudhaan haalaa yeroo biyyatti irratti gaaffii miseensota mana maree irraa dhihaateef deebii kennanii jiruu.
Gaaffiwwan dhihatanii fi muummichi ministeeraa deebii isaanii itti keenann keessa tokko kan ta’ee waa’ee lola nannoo Amaaraa keessatti taasifamaa jiru kan ilaallatedha.
Gaaffiin naanoo Amaaraa misoomaa, heeraa mootumaa fi dhimmaa daangaa ta’uu isaa kan ibsan muummichii ministeeraa, mootummaan gaffiwwan kanaaf deebii kennuudhaaf hojjachaa akka ture himaniiru.
Keessuumaa waa’ee dhimma daangaa naannoo Amaaraa fi Naannoo Tigraay giddu jiruun walqabatee, dhimmichii sagalee ummataa ykn referendamiidhan akka furmaata argatuu guchuun ijjannoo mootummaa isanii akka ta’ee ibasniru.
Dhimmaa kana irratti tibbana ibsa kan baasee bulchiinsii yeroo kan naannoo Tigraay, waldhabdee daangaa naannoo Amaaraa wajjin qabu “sagalee ummattatin ykn referendemiidhaan hiikuu” waan jedhu akka hin fudhanne beeksisee jira.
Rakkina nageenyaa naannoo Oromiyaa keessa jiruunis walaqabatee gaaffii dhihaateef kan deebii kennan muummichii ministeeraa, marii nageenyaa WBO wajjin Tanzaniyaa keessatti taasifamee ilaalchisuudhaan maaliif ummataatti hin dubatamanee? gaafii jedheef, marii sana irraa wantti argame waan hin jirref akka dubbachuun barbaachisaa hin taane himan. WBO gochaa saamiichaa, ajeechaa fi nama ukaamsuutin kan himatan muummichii ministeeraa, gochichi waan ummanni Oromoo barbaaduu akka hin taane ibsanii jiru. WBOn himanna mootummaa Ityoophiyaa irraa itti dhihaachaa jiru yeroo adda addaa mormuudhaan ibsa kennuun isaa ni beekama .
Ulaa galaanaa argachuudhaan walqabatee gaaffii ka’eef deebii kan kennan Abiy Ahimed, fedhiin Ityoophiyaa Ulaa galaanaa argachuu qofa akka ta’e ibsanii, karaa Kanaan seeraa aduunyaatiin murtoo argachuu akka barbaadan himanii jiru. Sababa kaaan mootumman isaanii biyya kamiinu wajjin waaraana keessa seenuu akka hin feenes ibsaniiru.
Dhimmaa hidha laga Abbayya ilaalchisee marii taasifamaa jiru irraatii kanaan booddee akka hin hirmaanee eerudhan ibsa biyyi masr kennite irratti gaaffi dhihaate irratti ibsa kan keeena mummichii ministera, Ityoophiyaan akka ijjannoo ishee hin jijjireefi ammas mariidhaaf fedhii qabaachuu ishee akka ibsan Kenedii Abaate Finfinnee irraa gabaaseera.
Forum