Miseensonni mana maree bakka bu’ootaa Yunaatyiid Isteetis angawaa gameessa dhimma daangaa kan Prezidaant Joo Baayideniin aangoo irraa akka bu’aniif sagalee kenname fallaa dhaabachuu isaaniitiif af-yaa’ii mana maree kan ta’an irratti mormii guddaa itti kaasan.
Sagalee kennameen 214 sagalee haa kaafaman jedhu yoo kennan 216 immoo mrmaniiru. Ripaablikaanonni Afrur hooggansa isaanii kan morman yoo ta’u, Dimokraatota waliin ta’uu dhaan himannaa ministeera nageenya biyyoolessaa Alejandroo Mayorkaas irratti dhiyaate mormaniiru.
Rippabilikaanonni mana maree Mayorkas itti yaadee daangaa dheeraa Meksikoo waliin jiru mirkaneessuu irratti laaftuu fi ibsa Kijibaa Kongireesiif kennuu dhaan amantaa ummataa cabseera jechuun himatan. Mayorkas badii tokkollee hin qabu jechuun kan haalan yoo ta’u, aangoo irra jiraniif falmaniiru.
Aangoo irraa kaafamuun Alejaandroo fashalus, waggaa filannoo kana keessa wal falmiin dhimma imigireeshinii irratti ka’u hammaatee jira. Qorannoon akka agarsiisutti, Tiraamp baatii Sadaasa keessa Baayiden waliin dorogommii irra deebii geggeessuu malu jedhame irratti ennaa qopha’aa jiranitti dhimmi imigireeshinii kanneen sagalee kennaniif yaaddoo ol oaanaa ta’ee jira.
Forum