Paarlaamaan Senegaal filannoo pirezidaantii biyya Afrikaa Dhihaa hanga Mudde 15tti tursiisuuf Wixata darbe sagaleekan kenne, adeemsa sagalee kennuu jeequmsaan kan raawwatame yoo ta’u, miseensonni seera tumtootaa mormitootaa filannoo murteessaa ta’e kana ilaalchisuun murtee pirezidaantii Maakii Saal kanaan dura murteessan irratti falmii geggeessaa turan humnaan mana maree keessaa erga kaafamanii booda.
Humnoonni naga eegumsaa gamoo seera tumtoonni keessatti wal ga’an weeraruu dhaan, seera tumtoota mormitootaa kanneen adeemsa sagalee kennuu filannoo pirezidaantii jalqaba Fulbaana 25 gaggeeffamuuf beellamame dhaabsisuu yaalan humnaan gamasii baasaniiru. Seerri ba’e aangoo prezidaant Maaki Saal kan silaa kan Ebla 2 dhumatuuf jiru yero isaa dheeressa.
Angawoonni Wixataa qabee tajaajila interneetaa sababaa deggersi mormitootaa heddummaateef ugguranii jiru. Seera tumtoonni seera ba’e kana irratti falmaa ennaa jiranitti, humnootiin nagaa eegissian biilsa seera tumtoonni keessatti wal ga’an fuullee hiriiranii mormitoota jiran irratti gaazii imimmaansu biifanii jiran. Daandii magaalaa guddoo Dakaar irratti mormitoonni hoogganaa biyyattii mormuun gommaa gumaa turan hedduun to’annaa jala oolanii jiran.
Forum