Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaan Boombii Moqaadishoo Keessatti Raawwate Lubbuu Namoota Saddeetii Galaafate


Haleellaan Boombii Moqaadishoo Keessatti Raawwate Lubbuu Namoota Saddeetii Galaafate
Haleellaan Boombii Moqaadishoo Keessatti Raawwate Lubbuu Namoota Saddeetii Galaafate

Angawoonni Somaaliyaa Kanneen Moqaadishoo keessaa Kibxata kaleessaa haleellaa boombii walitti aanuun gabaa magaalaa Bakaraa keessatte raawwatamee yoo xiqqaate namota saddeet galaafatee kanneen biroo 19 madeesseef eenyu akka itti gaafatamu adda baasuuf yaalaa jiran.

Abbootiin qabeenyaa daldala gabaa sanaa akka jedhanitti dho’iinsi sun suuqilee meeshaa elektroonksii gurguran kanneen walitti aananii jiran irratti fuuleffate.

Dho’iinsa sanaaf sababaa kan ta’e dhuka’aa suuqii sana keessa kiyyeeffameen ta’uu angawoonni Moqaadishoo dubbatanii jiran.

Angawoonni halleellaa dhaabilee daldalaa irratti raawwatame kana duuba ka’umsi akkamii akka jiru hin ibsine, garuu angawaan nageenyaa maqaan isaanii akka tuqamu hin feene tokko VOA sagantaa Afaan Somaaleef akka himanitti haleellaaleen sun Kammeeraan ittisa nagaa kan CCTV jedhamu dhaabbilee daldalaatiin dhaabamuu waliin kan wal qabata jedhan.

Waggaa darbe ejensiiwwan nageenyaa kan Somaaliyaa dhaabbileen daldalaa kameeraa ittisa nagaa akka dhaaban gaafataniiru. Abbootiin qabeenyaa suuqiilee tokko tokko boodarra, namoota garee hidhattoota Islaamummaa al-Shabaabi irraa ta’uu isaanii dubbatan irraa bilbilamee kameeraa sana akka hin dhaabne akeekkachiisi itti kennamuu ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG