Xurree ittiin seenan

Breaking News

Torban Darbe Siiviloonni Mer’aawii Keessatti Ajjeefaman 80 Caaluu Gumiin Mirga Namaa Itiyoophiyaa Beeksise


Torban Darbe Siiviloonni Mer’aawii Keessatti Ajjeefaman 80 Caaluu Gumiin Mirga Namaa Itiyoophiyaa Beeksise
Torban Darbe Siiviloonni Mer’aawii Keessatti Ajjeefaman 80 Caaluu Gumiin Mirga Namaa Itiyoophiyaa Beeksise

Gumiin mirga namaa Itiyoophiyaa kaleessa Amajjii 28 bara 2016 ibsa baaseen, Wixata darbe jechuun Amajjii 20 naannoo amaaraa godina Goojjam dhiyaa magaalaa Mer’aawii keesatti humnootii nagaa eegsisanii fi garee hidhattootaa gidduutti walitti bu’iinsa uumameen namoonni nagaan walitti bu’iinsa sana keessatti hin hirmaanne 80 ol ta’an ajjeefamuu ragaan isa dhaqqabuu isaa ibsee jira.

Ajjeechaa sanatti dabalees dhiittaan mirga namaa ka biroon raawwatamuu isaa itti aanaa daayirikterri gumichaa Tesfaayee Gammachuu VOAf ibsaniiru.

Humnoonni Federaalaa fi hidhattoonni Faannoo guyyaa sana naannoo sanatti lola geggeessanitti aansuu dhaan siivilonni ajjeeefaman 50 ol ta’uu jiraattota magaalattii wabeeffachuu dhaan Rooyiters kaleessa gabaasuun isaa ni yaadatama. Itti aanaa daayirikterichi Tesfaayee Gammachuu garuu lakkoobsi namoota du’anii 80 akka caalu ragaan nuti arganne madda amanamaa irraa ti jedhan. Sababaa ajjeechaa kanaan jiraattonni naannoo sana gad dhiisanii ba’aa jiraachuu ragaan isa ga’uu ISEMEGUn ibsa isaa keessatti tuqee jira.

Sababaa lambsii hatattamaan qaamni seera raawwachiisu aangoo guddaa kennameefitti fayyadamuu dhaan, dhiittaan mirga namaa hedduun keessumaa naannoo Amaaraa fi magaalaa Finfinnee keessatti raawwatameera kan jedhu ESEMEGUn labsiin sun haareffamuun na yaaddessa jedhee rakkoo jiru walitti bu’iinsa marii dhaan furmaata itti kennuu akka ta’e beeksisee jira. gama mootummaan deebii argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofne jechuu dhaan Kenedi Abaate Finfinnee irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG