Xurree ittiin seenan

Breaking News

Minsteerri Dhimma Alaa Antonii Biliinken Yaada Lola Dhaabinsa Israa’eliif Hamaas Irratti Dhiyaate Angawoota Israa’el Waliin Mari’ataa Jiran


Ministeera Dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinkenii fi Prezidaantii Israa'el Isaaq Herzoog
Ministeera Dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinkenii fi Prezidaantii Israa'el Isaaq Herzoog

Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Antony Blinken Roobii har’aa hoggantoota Israa’el waliin waa’ee lolli Gaazaa keessaa dhaabbachuu fi booji’amtoota Hamaasiin qabaman gadhiifamuuf yaadame irratti mari’achuuf Israa’el keessa jiru.

Walgahiin Muummicha ministeeraa Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu, Ministira Ittisaa Yo’aav Gaalantii fi Pirezidaant Isaak Herzoog waliin taasifamu kun kan gaggeeffame Blinken hoggantoonni Hamaas yaada dhihaate kanaaf deebii isaanii kennan erga jedhanii guyyaa tokko booda.

Blinken Gaazexeessitootaaf Qaxar Dohaatti akka himanitti, Ameerikaan deebii kenname kana cimsitee qorachaa akka jirtu, akkasumas odeeffannoo isaa Israa’el waliin qooddamuu dubbataniiru. .

Hanga dandeenye walii galteen akka irra ga’amu yaalaa jirra, walii galtee sana haaromsuu qofa utuu hin taane dhimma iggitamtootaa fi bu’aa isa waliin wal qabate akka babal’atuuf cimnee hojjenna jedhan Bilinken.

Dohaa keessatti Blinken Wixata Kaleessaa hoogganaa biyyattii Tamiim bin Hamaad Al Thaanii fi muummicha ministeeraa Qataar Mohammed bin Abdlrahamaan Al-Thaanii waliin marii geggeessanii jiran.

Karaa nama Afaan hiikuu Al-Tahaaniin tuuta oduuf ibsa kennaniin,” Iggitamtoota ilaalchisee haala walii galtee sanaa gama ilaaleen Hamaas irraa deebii argannee jirra. Deebiin jirus yaadawwan hanga tokko of keessaa qaba, garuu walumaa gala gaarii dha jedhan.

As Washington-tti immoo prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden deebii garee hidhattootaa kana irraa kenname xiqqoo ol kaasuun hafarsame jechuun ibsanii mariin kun itti fufee jira jedhan.

Yunaayitid Isteetis, Masrii fi Qaxar yaada dhukaasa dhaabuu yeroo ammaa ilaalamaa jiru kana qopheessuuf gargaaraniiru, kunis lolli torbanneen hedduuf akka dhaabat fi booji’amtoota Hamaasiin Gaazaa keessatti qabaman gadhiisisuu kan dabalatu ta’a.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG