Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbaa Pheexiroos Gara Yunaayitid Isteetisitti Deebi’anii Jiru


Quluqulluu Abune Peexiroos
Quluqulluu Abune Peexiroos

Waldaa kirstaanaa Ortodoksii Tewaahidoo Itiyyophiyaatti barreessaa Sinoodoosii qulquluu, akkasumas biyyaa Amerikaatti Phaaphaasii gumii sabakaa kutaa Niwu yoork kan ta’an Abbaa Pheexirooss, Yunaayitid Isteetsn keessa turanii yemmuu garaa Itiyoophiyaatti deebian, akka biyyaa seenuu hin dandeenyee umnoottan nageenyaa mootummaa Itiyoophiyaatiin Itti himamee buufataa xiyyaaraa Boolee irraa akka gara Yunaayitid Isteetsti deebi’an taasifameera.

Sababa Abbaa Pheexiiroos akka Itiyoophiyaa hin seenne taasifame irratti garaa mootummaa Ityoophiyaatiin ibsii ifatti keenaamee hin jiru.

Dhimmaa kana ilaalchisee waldaan Ortodoksii Tewaahidoo Itiyoophiaa fuula midiyaa hawaasaa irratti ibsa kaa’een, Abbaa Pheexiroos itti gaafatamaa olaanaa waldichaa fi barreessaa Sinoodoosii qulquluu waan ta’aniif mootummaa akka biyyaa seenan akka heeyyamu gaafachuun isaa beekameera.

Lammummaa biyyaa Yunaayitid Isteets kan qaban Abbaa Pheexiiroos guyyaa kaleessaa yemmuu magaala Niwu yoorkitti deebi’an hordoftoonni isaanii simannaa akka taasisaniif beekameera. Abbaa Pheexiroos ergaa yunaayitid Isteets ti deebi’anii boodaa waan isaan irraati raawwate irratti yaadaa isaanii argachuudhaaf yaaliin VOAn taasisee yeroodhaaf hin milkoofne.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG