Dhaabbanni mootummoota gamtoomanii dhimmaa baqattootaa irratti hojjatu lammiiwwan Sudhaan sababa walwaraansaatiin midhaman gargaaruudhaaf gargaarsi atattamaa doolaara Biiliyoonii 4.1 akka isa barbaachisu ibsuudhaan gaaffii dhiheessee jira.
Dhaabileen mootumaata gamtoomanii UNHCR fi jaarmiyaan qindeessa gargaarsa namoomaa OCHAn gaafii gargaarsaa waloodhaan dhiheessan kana keessati akka ibsaniitti, yeroo ammaa lammiileen Sudaan walakkaa dhaa ol ta’an ykn kan miiliyoonii 25 ti tilmaamaman gargaarsii fi eegumsi isaan barbaachisa.
Namoonii miiliyoonii 18 ta’an yeroo ammaa beela hamaadhaaf saaxilamuu isaanii kan eere Sagantaan Nyaata Adduunyaa WFPn sababa beelaa kanaan ijoolleewwan Sudaan miiliyoonii 19 ta’an mana baruumsaa dhaquu akka hin dandeenye ibsera.
Haaluma walqabateen, dhimma haala Ityoophiyaa irratti ibsa kan kennee Sagaantaan Nyaata adduunyaa, torbanoota as adeemaa jiran keessaatti lammiileen Itiyoophiyaa miiliyoonii Sadii ta’an sababa jijjirama qileensaatii fi waltti bu’insaatiin kan ka’ee rakkinaa hanqina nyaataatiif saaxilaamuu danda’u jehde.
Kaabaa Itiyoophiyaa keesaa hanqina wabii midhaan nyaataa mullachaa jiruu irratti yaaddoon isa quunamuu isaa kan ibsee WFPn yeroo ammaa namoottan miiliyoonii Sadii ta’an naannoo Tgiraay, Affaar, Amaaraa fi Somaalii keessatti argamanuuf gargaarsii nyaataa taasifamaafii akka jiru beeksiseera.
Forum