Xurree ittiin seenan

Breaking News

Embaasiin Amerikaa Finfinnee Jiru Walittibu’iinsii Itiyoophiyaa Keessaa Isa Yaaddeessuu Ibse


Embaasii Ameerikaa Kan Finfinnee Jiru
Embaasii Ameerikaa Kan Finfinnee Jiru

Embaasiin Yunaaytid Isteetis Finfinnee keessa jiru naannoo Amaaraa, Oromiyaa, fi naannolee biroo keessatti lolli itti fufee jiru "rakkina hin yaadamne" fideera jechuun baay'ee akka isa yaaddesseen dubbatee jira.

Embaasicha keessatti Gorsituu Dhimma Ummataa kan ta’an Naomi C. Feeloows eegumsi lammiilee nagaa, mirgi namoomaa akka kabajamuu fi "jeequmsi hatattamaan akka dhaabbatu" gaafataniiru.Rakkoolee kanaaf furmaanni waraanaa akka hin jirre sagalee Amerikaatti himanii jiru.

Naomi haala hojiirra oolfama waliigaltee Preetoriyaa ilaalchisee ennaa dubbatan, “Yeroo dhiyootti Hidhannoo Hiikkachuu fi hidhattonni deebi’anii uummatatti Makamuu akkasumas,deebisanii dhaabuu ilaalchisee tattaaffiin cimaan taasifamu arguu barbaanna” jedhan.

Itti dabaluunis humnoonni Eertiraa guutummaatti akka ba’an gochuu irratti tarkaanfii akka fudhatamu gaafatan.

Akka Naomi jedhanti, Ameerikaan Itoophiyaa keessatti gargaarsa namoomaa arjoomuun iddoo guddaa qabattee jirti. Bara baajataa 2022tti doolaara Biiliyoona 1.5 ol kennuun bara baajataa 2023 kaasee hanga har’aatti doolaara miiliyoona 600 fi Miliyoona 80tti dhiyaatu baqattoota, koolu galtoota, namoota biyya ofii keessatti manaa fi qe’e isaanii irra buqqa’an, namoota biyya hin qabneef deeggarsa lubbuu baraaruu kennitee jirti jedhanii, kanneen walitti bu’iinsaa fi caamaan dhahamaniifis akkasuma deggersii taasiifamuu ibsan jechuun Gabra Mikaa’eel Gabra Medhin Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG