Muummee ministeera Itiyoophiyaa Abiy Ahimad Kamisa har’a itti gaafatamaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa kan turan, ObboTamasgeen Xiruneeh itti aanaa muummicha ministeeraa taasisuun muudanii jiru.
Torban darbe itti aanaa pirezidaantii paartii biyya bulchaa jiru Badhaadhina ta’uun kan kaadhimame ObboTamasgeen torban darbe “kabajaan” hojii irraa kan gadhiisan Dammaqaa Makonnen bakka bu’u.
Obbo Temesgen komand postii labsii yeroo muddamaa naannoo Amaaraa to’atus kan hooggana ta’uun beekameera.
Gama biraatiin Muummichi ministeeraa Abiyyi Tokkummaa Mootummoota ambaasaaddara Itoophiyaa duraanii, Obbo Taayyee Asqasillaasee Ministira Dhimma Alaa taasisuun kan muudan yoo ta’u, Dr Maqdas Dhaabaa Fayisaa kan Hanga yeroo dhiyootti Waajjira Itti Aanaa Daarektarri Olaanaa jaarmayaaFayyaa Addunyaa Jenevaa jiruutti, hoggantuu garee ta’uun tajaajilaa turan ministeera fayyaa ta’uun muudamaniiru.Kunis Bakka Dr.Liyaa Taaddasaa bakka bu’u jedhameera.
Ambaasaaddar Taayyee fi Dr.Maqdas miseensa Paartii Badhaadhinaa isa biyya bulchaa jiru miti.Muummichi ministeera Itiyoophiyaa Abiy Ahimad har’a muudama dabalataa laataniin Ambaasaaddar Redwaan Huseen - Daarektarri Olaanaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyoolessaa Aadee Tigist Hamid - Daarektari Olaanaa Bulchiinsa Nageenya caasaa ykn Neetwork Odeeffannoo ta’anii jiran.
Ambaasaaddar Redwaan itti aanaa muummicha ministeeraa ta’uun kan muudaman Obbo Temasgeen Xiruneeh bakka bu’u.
Muummichi ministeeraa kun kanaan dura kaabinee isaanii miseensota 22 qabu keessatti hoggantoota paartii mormitootaa sadii ofitti dabalanii jiru.
Paarlaamaan Itiyoophiyaa har'a muudama muummicha ministeeraa kana raggaasiseera.
Forum