Waggoota 20 dura Addunyaarratti tatamsa’ina HIV Eeedsii ittisuuf Pireezidaandatii Yuunaayitid Isteetsi duraanii Buushiin sagantaan “PEPFAR” jedhamu hojiin Itiyoophiyaa keessatti hojjeteeruun jijjiirama guddaa galmeessiseera jedhame. Itiyoophiyaatti bakka bu’aa qindeessaan dhaabbatichaa Beenjaamiin Kaasdaan yaada sagalee Ameerikaaf kennaniin dhaabbanni misooma Idil addunyaa Yuunaayitid Isteetsi USAID fi gidduu galli to’annoo Dhukkubootaa CDC dhaabbilee gargaarsaa biyya keessaa 65 waliin ta’uun dhaabbata tattamsa’ina HIV Eedsii to’atu PEPFAR hundeessan Itiyoophiyaa keessattis jijjiirama guddaa fideera jedhanii Finfinneetti deeggarsa dhaabbanni kun Hospitaala Zoowdituutti taasiseeru deemee daawwadhee haadha Vaayirasichi dhiiga ishee keessa jiru argadhee dubbisee daa’imni ishee garuu Vaayirasii kanarraa bilisa taatee dhalatteeti. Guutummaa Addunyaarratti gargaarsa dhaabaata kanaan daa’imman Miiliyoona Shan Vaayirasii HIV irraa bilisa ta’an akka dhalatan taasifamuu danda’eeras jedhaniiru.
Waggoota 20 darban kanatti Itiyoophiyaa keessatti tatamsa’ina Vaayirasii HIV Eedsii ittisuuf dhaabbatichi maallaqa Doolaara biiliyoona sadii baasuu isaa kan himan bakka bu’aan qindeessa dhaabbatichaa , Bara 2010 irraa tatamsa’inni Vaayirasichaa Itiyoophiyaa keessatti dhibbeentaa 73 dhaan hir’iseera jedhanii sababa Dhukkuba Eddsiin duuti tures dhibbeentaa 50’n hir’isuus eeruun dhaabbanni isaanii namoota kuma dhibba 475 kan ta’anii daawwaa farra Vaayiraasii HIV kenneera. Yeroo dhiyoo as biyyattii keessatti jeequmsoonnii fi waraannii jiraachuun immoo tajaajila dhaabbatichi to’annaa Vaayirasii HIV Eeedsii irratti hojjetuuf danqaa ta’eeras jedhaniiru jechuun Finfinneerraa GabireMikaa’eel Gabiremedihiinuutu gaabase.