Doniin humna galaanaa Jarmanii dooniiwwan daldalaa haleellaa finciltoota Yaman irraa eeguuf kaayyeffatee Kamisa kaleessaa gara galaana Dimaatti imaluuf qophaa’aa kan jirtu yoo ta’u, kunis qaama ergama Gamtaa Awurooppaa ta’uun akka ta’e ibsamee jira.
Bobbaafamuun kun ''waggoota kurna hedduu keessatti imala jabaa akkasiif kutaa humna galaanaa Jarmanii ennaa itti himaatu kan jalqabaati jechuun namoota 240 kan feetee ta’u, hogganaan humna galaanaa Jarmanii Jan Kiristaan Kaak, Barliin keessatti gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin dubbataniiru.
Finciltoonni Huuttii kan Yaman kanneen Iraan deeggaraman baatii Sadaasa dabree irraa eegalee dooniiwwan Galaana Diimaa qaxxaamuran irratti haleellaa walduraa duubaan gaggeessuun, Kunis lola Israa’elii fi Hamaas gidduutti ta’uuf Falasxiinotaaf tumsa qaban agarsisuuf akka ta’e dubbatu.
Galaanni Diimaan akka idileetti, daldala galaanaa addunyaa irraan gaggeeffamu gara dhibbeentaa 12 qabatee jira.
Hookarri galaana irraa kun, dhaabbileen doonii tokko tokko dooniiwwan isaanii Galaana Diimaa irraa akka fageessan taasiseera, kunis daandii dheeraa fi baasii dabalataa guddaa baasu naannoo fiixee Afrikaa gama kibbaan akka gargaaraman taasiseera.
Forum