Xurree ittiin seenan

Breaking News

Isiraa'el Daangaa Gaazaa Gama Kibbaa Irra Jirtu - Raafaa Keessatti Har'a Haleellaa Haaraa Bante 


Isiraa'el Daangaa Gaazaa Gama Kibbaa Irra Jirtu - Raafaa Keessatti Har'a Haleellaa Haaraa Bante
Isiraa'el Daangaa Gaazaa Gama Kibbaa Irra Jirtu - Raafaa Keessatti Har'a Haleellaa Haaraa Bante

Israa’el Jimaata har’a halkan magaalaa daangaa Gaazaa gama kibbaa Raafaa keessatti haleellaa haaraa banteetti. Namoonni ijaan argan fi qondaaltonni hospitaalaa akka jedhanitti, haleellaa kanaan dubartootaa fi daa’imman dabalatee yoo xiqqaate namoonni saddeet ajjeefamaniiru.

Dhaabbatii oduu Asoosheetid Prees akka gabaasetti haaleellaan kun gamoo mana jireenyaa Rafah keessaa fi gamoo mana barumsaa giddu galeessa magaalaa Zuwaayidaatti argamu rukuteera.

Haleellaan kun kan raawwatame erga Pirezidaantiin Yunaaytid Isteetis Joo Baayiden duula waraanaa Muummeen Ministira Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu kan lammiilee Falasxiinota 27,000 ol galaafate irratti qeeqa cimaa kennanii sa’aatiilee muraasa booda ta’uu qondaaltonni waa’ee fayyaa Gaazaa himanii jiru.

“Ani ilaalcha ofii koo qaba, akkuma beektan, deebiin Gaazaa fi , suuluula Gaazaa keessatti, kennamuu ol’aanaa ta’eera,” jedhan Baayiden gaaffii oduu gabaasaan Kamisa galgala Waayit Haawusitti gaafataniif deebii kennaniin.

Baayiden namoota Hamaasiin qabaman fi Falasxiinota mana hidhaa Israa’el keessa jiran bilisa baasuuf jecha yeroodhaaf dhukaasa dhaabsisuuf “akkaan cimsanii dhiibaa” turuu isaanii dubbataniiru. Roobii darbe Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun waliigaltee dhiyaate kuffisuudhaan Hamaas yaada dhiheesse “gowwoomsaa” jedhan.

“Waliigaltee kana irratti nuffii tokkoo malee hojjechaa tureera,” kan jedhan Baayiden, kunis gara “boqonnaa itti fufiinsa qabuutti” ta’u akka danda’u akka amanan dubbatan.

Kamisa kaleessaa Waayit Haawus akeekkachiisa cimaa Israa’eliif kenneen, mootummaan Netaaniyaahuu duula waraanaa isaa gara magaalaa Raafaa daangaa Masrii waliin jirtutti akka hin geessine akeekkachiiseera.Iddoo sana uummata Gaazaa walakkaa caalaatu buufatee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG