Bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti ajjeechaa namoota nagaa irratti raawwatame jedhame irratti qorannoon akka gaggeeffamu Yunaaytid Isteetis gaafachaa jirti. Gareen mirga namoomaa naannoo sanaa tokko torban darbe walitti bu’iinsa loltootaa fi gareewwan hidhatan gidduutti uumameen namoonni 80 ol ajjeefamaniiru jedheera.
Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Yunaaytid Isteetis Ervin Massinga Jimaata har’a akka jedhanitti, “mootummaan Yunaaytid Isteetis gabaasa magaalaa Meraawwii irraa dhufe kanaan akkaan yaadda’ee jira. Kanaafis “hordoftoonni mirga namoomaa walaba ta’aniin dhorkaa tokko malee akka seenan akkasumas qorannoon loogii tokko malee gaggeeffamuun yakkamtoonni seeratti akka dhiyaatan” gaafateera.
Massingaan ibsa baasaniin akka jedhetti, ajjeechaan lammiilee nagaa Merawii kun gabaafamuun, erga naannoo Amaaraa fi bakkeewwan biroo Itiyoophiyaa keessatti waldhabdee keessoo hedduudhaan qabamtee jirtu keessatti “gabaasa sarbama seeraa biroo” jiraachuu eega gaggeeffamee booda.
Ebla darbe mootummaan humna naannoo diiguu fi waraana federaalaa keessatti makuuf socho'u hordofee, naannoo Amaaraa keessatti fincilli ka'ee ture. Gareen milishaa Faanoo jedhamuun beekamu baatii Hagayyaa keessa haleellaa tasaa eegaluun guyyoota hedduudhaaf magaalota eega qabatanii booda gara baadiyyaatti of duuba deebi'uu isaanii ibsaniiru.
Hordoftoonni mirga namoomaa yeroo waldhabdee kanaatti humnoonni mootummaa dhiittaa mirga namoomaa hedduu geesiisan galmeessaniiru, kunis ajjeechaa murtii malee raawwatame jedhame dabalata.
Manni Maree Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa lola Amajjii 29 Merawiitti geggeeffameen odeeffannoo “dhiittaan mirga namoomaa guddaan akka raawwatame agarsiisu” argachuu isaa wiixata dabree ibseera.Namoonni nagaa 80 ol ajjeefamaniiru, irra caalaan isaanii dhiirota jedhe.
Gareen mirga falmu kun ajjeechaan kun “mana manaa socho’uudhaan” yeroo sakatta’iinsaatti raawwatame jedheera. Haa ta'u malee, bakka sana daawwachuu hin dandeenye jechuun qorannoon dabalataa akka gaggeeffamu gaafate.
Forum